Tamsaasa Kallatti:

Sirna gabaasaa dijitaalaa irratti hundaa’ee fi qindaa’aa hojiirra oolchuuf qophiin guutuun taasifamaa jira

Mudde 6/2018(TOI) - Sirna gabaasaa dijitaalaa irratti hundaa’ee fi qindaa’aa hojiirra oolchuuf qophiin guutuun taasifamaa jiraachuu ibsame.

Waajjirri Muummee Paartii Badhaadhinaa gaggeessitootaaf otoomeeshinii hojiirra oolmaa dijitaalaa damee bulchiinsa tarsiimoo fi teeknooloojii odeeffannoo, karoora tokko, sirna gabaasa tokko irratti sagantaa leenjii kennuu eegaleera.


 

Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti itti gaafatamaan hoggansa tarsiimoo fi teeknooloojii odeeffannoo ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir waltajjii leenjii godina Affaar magaalaa Samaraatti eegale irratti haasaa baniinsaa kan taasisan yoo ta’u, gabaasa bal’aa fi qindaa’aa qopheessuun sirna dijitaalaa hojiirra oolchuun barbaachisummaa waktaawaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis, karoora tokkoo fi gabaasa tokko irratti xiyyeeffachuun hojii eegalame cimsuun gabaasni bal’aa fi qindoominaan akka dhiyaatu hojiiwwan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Paartichi Damee Bulchiinsa Tarsiimoo fi Teeknooloojii Odeeffannoo yeroo hundeessu gabaasa bal’aa fi qindoomina ilaacha keessa galchuun ta’uu hubachiisaniiru.


 

Kanaafuu tokkoon tokkoon dhaabbataa hojii hojjatu dijiitaala gochuun sirna waraqaa malee hojiirra oolchuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Hojiin kun haala madaalamuu fi lakkaa’amuu danda’uun hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru; leenjiin kun hojii dhaabbata tokkoon tokkoon isaanii cimsuu fi itti fufsiisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Leenjii kana irratti kan argaman itti gaafatamaan kutaa gurmaa’insaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Affaar obbo Wol’oo Aayitilee akka jedhanitti, leenjiin kun hoggansi hojii isaa haala bu’a qabeessa ta’een akka raawwatuu fi dandeettii isaa akka guddisu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.


 

Leenjichi naannoo Affaar Samaraatti geggeeffamuun isaa daran kan nama kakaasu ta’uu ibsanii, muuxannoo wal jijjiiruun jijjiirama fooyya’aa fiduuf daran kan nama kakaasu ta’uu ibsaniiru.

Leenjichi hojiiwwan damee tokkoon tokkoon isaanii keessatti raawwatamuu qaban adda baasuun, akkaataa barbaachisummaa isaaniitiin raawwachuu, madaallii hoggansa dhaabbilee dijiitaala gochuun raawwii ammayyaa mirkaneessuuf akka gargaaru ibsameera.

Hoggantoonni waajjiraalee damee Paartii Badhaadhinaa naannolee hundarraa fi bulchiinsa magaalota lamaanii leenjicharratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015