Gurmaa’insi Gandaa Haaraan tajaajila Mootummaa dhiheenyatti argachuuf dandeessiseera - ENA Afaan Oromoo
Gurmaa’insi Gandaa Haaraan tajaajila Mootummaa dhiheenyatti argachuuf dandeessiseera
Mudde 6/2018 (TOI)-Gurmaa’insi Gandaa haaraan tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatan isaan dandeessisuu jiraattonni Godina Gujii ibsan.
Kenniinsi tajaajilaa baasii fi yeroo qusachuurra darbee xiyyeeffannoo isaanii hojii misoomaarra akka taasifataniif carraa kan uume ta’uu tajaajilamtoonni ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun, nageenya buusuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii yeroo dhihootti furuun, gurmaa’insi Gandaa haaraa erga hojiirra oolee bu’aan argamaa jira.
Gurmaa’insi gandaa kun uummanni tajaajila mijataa fi si’ataa dhiheenyatti akka argatu kan dandeessisudha.
Keessumaa fayyadamoo misoomaa ta’uunii fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii hirmaannaa hawaasaan deebii akka argatan gochuun faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Gurmaa’insa gandaa haaraa ilaalchisuun jiraattota yaada isaanii TOI’f kennan keessaa obbo Taaddasaa Baanataa akka jedhanitti, naannoo isaaniitti tajaajilli mootummaa dhaqqabamaa ta’uun tajaajiloota hawaasummaa argachuuf karaa dheeraa deemuurraa isaan baraaruu ibsaniiru.
Gurmaa’insi Gandaa Naannoo Oromiyaatti eegalame godina isaaniitti hojiirra ooluunsaa hojii misoomaa fi nageenyaa naannoosaaniirratti mootummaa waliin wal-dubbisaa akka hojjetaniif carraa isaaniif uumuu dubbataniiru.
Gurmaa’insi kun tajaajilli mootummaa akka saffisuuf deeggaruu fi jiraattonni yeroosaanii misoomarratti akka dabarsan taassisuu kan himani immoo jiraataama ganda kanaa kan ta’an obbo Taakkalaa Eeliyaasidha.
Gurmaa’insi gandaa misooma itti fufsiisuu fi duudhaaleen aadaa akka dagaaganiif qooda mataasaa gumachuu dubbataniiru.
Keessumaa waldhabbiiwwan adda addaa itti dhiheenyaa Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaan akka hiikamaniif manni murtii aadaa hojiirra ooluu ibsaniiru.
Bulchiinsi Gandaa gaaffiilee bu’uuraalee misoomaa, tajaajila haqaa fi bulchiinsa gaarii dhiheenyaan deebii akka argataniif carraa kennuusaan fayyadamoo taassisuu dubbataniiru.
Itti aantuun bulchaa Ganda Odaa Adoolaa aadde Duurettii Areerii, gurmaa’insi Gandaa haaraan waajjiraaleen hundi hammatamuusaaniin tajaajila hunda galeessa hawaasaaf dhiheenyatti kennuu danda’uu eeraniiru.
Keessumaa gaaffiiwwan haqaa, nageenya, misoomaa fi bulchiinsa gaarii itti dhiheenyaan hawaasaaf deebisuuf qoodni gurmaa’insaa olaanaa dha jedhaniiru.
Fakkeenyaaf Baatiiwwan shanan darban galmeewwan himannaa Mana Murtii Hawaasummaaatti dhihaatan 170 keessaa 150 deebii haqaa ariifachiisaa argachuusaanii himaniiru.
Bu’uuraaleen Misoomaa Baadiyaatti daandiin, bishaan dhugaatii, Fayyaa fi Barnoonni ijaaramanii tajaajilaaf qaqqabuusanii eeraniiru.
Carraa hojii dargaggootaa uumuuf bakki oomishaa fi gurgurtaa mijachuusaa akkasumas dhiheessiin sanyii filatamaa fi xaa’oo dhihaachuu ibsaniiru.
Itti aanaan bulchaa Godina Gujii obbo Taaddasaa Buzunaa gamasaaniin, Godinichatti hirmaannaa Hawaasaan waajjiraaleen Gandaa 267 ijaaramuusaanii ibsaniiru.
Tajaajilli haqaa ariifataan, dhaqqabamaa kennuuf mana murtii Aadaa 267 fi Mana Murtii oldabarfataa 13 hundeeffamuu ibsaniiru.
Kunis hawaasa Godinichaa gaaffiiwwan nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsa gaarii dhiheenyatti deebii akka argataniif gargaaruu dubbataniiru.
Gurmaa’insi Gandaa Haaraan haala jireenya hawaasa Godinichaa, aadaa hojii, Tajaajila haqaa, akkasumas, fedhii nageenyaa fi misoomaa bu’uura kan godhatedha jedhan.