Mootummaan Ida’amuu Aartiin badhaadhinaa fi guddinaa biyyaaf shoora bakka hin buufamne akka qabu ifatti kaa’eera - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Ida’amuu Aartiin badhaadhinaa fi guddinaa biyyaaf shoora bakka hin buufamne akka qabu ifatti kaa’eera
Mudde 6/2018(TOI) - Mootummaan Ida’amuu Aartiin badhaadhinaa fi guddinaa biyyaaf shoora bakka hin buufamne akka qabu ifatti kaa’eera jedhan Ministirri Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaa.
Ministeerri Aadaa fi Ispoortii wixinee imaammata Indaastirii Aartii fi kalaqaa, hammattoowwan seerota biroo fi qajeelfama hojii raggaasifame irratti ogeeyyii damee dhimmi ilaallatuu fi qooda fudhattoota waliin marii taasisaa ture goolabeera.
Wayita kanatti Ministirri Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaa akka jedhanitti, Aartii seenessa waloofi faayidaa biyyoolessaa eegsisuuf itti fayyadamuu akka qabamu dhaaman.
Itiyoophiyaan biyya aadaa daneessaa ta’uu eeruun,wantoota aadaa booressan waliin ta’uun ittisuu akka qabamu himaniiru.
Mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa damee aartiif xiyyeeffannoo kennuu eeran. Kanaafuu, gama bu’uuraalee misoomaa, gurmaa’insaa fi damee kana sirna barnootaa keessa galchuun hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetameera jedhan.
Hammattoon imaammataa damicha keessatti qophaa’aa jiran dorgomtummaa damichaa kan guddisan ta’uu cimsanii ibsuun, gara fuulduraatti qooda fudhattoota damichaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjetan mirkaneessaniiru.
Sirna xumura waltajjii kanaa irratti, deetaan Ministira Aadaafi Ispoortii gargaaraan piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee,deetaan Ministiraa Aadaafi Ispoortii Nafiisaa Almahaadii, daarektara Olaanaa Kuusaa fi Mana Kitaabaa Itiyoophiyaa Sartsa Fireesibihaat, ogeessota aartii buleeyyiifi hoggantoonni Biiroo Aadaafi Turizimii naannoolee argamaniiru.