Mul'anni Mootummaan Ida’amuu damee turizimiitiif qabu magaalaa Finfinnee bakka gahumsa turistootaa fi waltajjii idil addunyaa taasissera - ENA Afaan Oromoo
Mul'anni Mootummaan Ida’amuu damee turizimiitiif qabu magaalaa Finfinnee bakka gahumsa turistootaa fi waltajjii idil addunyaa taasissera
Mudde 6/2018(TOI)-Mul'anni Mootummaan Ida’amuu damee turizimiitiif qabu magaalaa Finfinnee bakka gahumsa turistootaa fi waltajjii idil addunyaa taasiseera jedhe Komishiniin Turizimii magaalaa Finfinnee.
Mootummaan Ida’amuu xiyyeeffannoo misooma diinagdee damdanuuf kenne keessaa dameen turizimii isa tokkodha.
Damee turizimiitiin bu’uuraaleen tuuriizimii hedduun kutaalee biyyattii adda addaa keessatti Inisheetiivii Maaddii Guutuu Shaggar, Maaddii Guutuu Biyyaa, Maaddii dhalootaa jalatti ijaaramaniiru.
Magaalaa Finfinneetti yaadama Mootummaa Ida’amuun bakkeewwan turizimii amma jiran haaromfamuu fi hojiitti galchuu qofa osoo hin taane, bakkeewwan turizimii haaraa sadarkaa isaanii eeggatan ajaa’ibsiisoo ta’anis ijaaramanii tajaajilaaf dhiyaataniiru.
Kamishinarri Komishinii Turizimii Magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaa TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, Mootummaan Ida’amuu magaalittii damee turizimiin akka guddatu haala mijaa’aa uumeera.
Keessumaa immoo erga jijjiiramaan asii hojiilee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa ijaaramanii fi misoomni koriidaraa magaalaa Finfinnee wiirtuu dippiloomaasii fi teessoo Afrikaanotaaf akka madaalutti hojjetamuun jijjiirama guddaa agarsiiseera jedhani.
Yaada Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahmadi maddisiisaniin kan hojjetaman Paarkiin Tokkummaa fi paarkiiwwan biroo, akkasumas haaromsamuunii fi daawwattootaaf banaa ta’uun Masaraa Biyyaalessaa, baay’ina turizimii guddaa uumuu isaanii eeraniiru.
Bakkeewwan agarsisa ogummaa aartii, iddoowwan ispoortii, amfii tiyaatiroonnii fi pirojektoonni misooma turizimii biroo bu’aa mootummaa Ida’amuu kanaa ta’uu ibsaniiru.
Magaalichatti hojiileen misooma koriidaraa hojjetaman, turistoonni akka turan taasisuun dabalatatti guddina industirii turizimiif gahee olaanaa bahataa jira jedhan.
Magaalaa Finfinnee giddugala yaa’iiwwan addunyaa fi Afrikaa kan taasisan bu’uuraaleen misoomaa hojjetamuu ibsaniiru.
Yaadannoon Injifannoo Adwaa seenaa injifannoo keenyaa fi seenaa bilisummaa Afrikaa ibsuu bira darbee bakka konfiraansiin gurguddoon itti gaggeeffamu ta’eera jedhan.
Giddu-galli konveenshinii Idil-addunyaa Addis, konfiraansii gurguddoo idil-addunyaa, agarsiisa fi taateewwan biroo keessummeessuun magaalaa Finfinnee giddugala konfiraansii turizimii taasisaa akka jirus ibsaniiru.