Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa mirkaneessuuf hojiileen garagaara hojjetamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa mirkaneessuuf hojiileen garagaara hojjetamaa jiru
Mudde 6/2018(TOI)-Ajanda Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa milkeessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiileen garagaraa hojjetamaa jiraachuu Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa ibsan.
Ministeera Qonnaatti sagantaan sirna nyaataa cimsuu fi pirojektiin misooma Qamadii damdamannaa haala qilleensaa Itiyoophiyaa konkolaataa dirree, doqdoqqeewwanii fi paampii bishaanii naannoleef dabarseera.
Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa konkolaattota dirree 267, Doqdoqqeewwan kuma 1 fi 854, paampiiwwan kuma 2 fi 289 naannoleef, bulchiinsa magaalota lamaanii fi dhaabbilee deeggartootaa Federaalaaf deeggarsaan dabarsanii kennaniiru.
Deeggarsi kun baasii qaamolee deeggartootaa irraa argame birrii biiliyona 2 ta’uun kan bitaman ta’uun ibsameera.
Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa wayita kana akka jedhanitti, hojiileen garagaraa Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa milkeessuu danda’an hojjetamaa jiru.
Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa milkeessuuf lafa hin qotamiin qotuu akkasumas waggaatti al lama ol oomishuun cimee itti fufa jedhaniiru.
Makaanaayizeeshinii babal’isuu, faayinaansii qaqqabamaa gochuun Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa mirkaneessuuf hojiileen garagaraa raawwatamaa akka jiran ibsaniiru.
Wabii nyaataa mirkaneessuu fi dinagdee baadiyyaa dadammaqsuuf hojjetamaa jiraachuu dabalanii eeraniiru.