Tapha waancaa Itiyoophiyaan Bunni Itiyoophiyaa fi Maqalee 70 Indartaan ni taphatu - ENA Afaan Oromoo
Tapha waancaa Itiyoophiyaan Bunni Itiyoophiyaa fi Maqalee 70 Indartaan ni taphatu
Mudde 6/2018(TOI)-Tapha Waancaa Itiyoophiyaa marsaa 3ffaa Sagantaa xumuraan Buna Itiyoophiyaa fi Maqalee sabandartaa gidduutti har’a gaggeeffama.
Taphni Gareewwanii guyyaa sa’aatii 9:30 Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffama.
Bunni Itiyoophiyaa marsaa lammataan Magaalaa Adaamaa 2 fi 1n Injifateera.
Morkataansaa Maqalee 70 Indartaan marsaa lammaffaan Faasil Kanamaa 1 fi 0n injifachuun marsaa 3ffaatti makamuuun ni yaadatama.
Bunni Itiyoophiyaa Piriimar Liigichatti qabxii 11n sadarkaa 13ffaa qabateera.
Maqalee 70 indartaan qabxii 5n sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gad- bu’aarra jira.
Kilabiin Tapha har’aa injifate garee nuusa xumuraatti darbu kan xumuraa ta’a
Kilaboonni lamaan Piriimar Liigii Itiyoophiyaa tobee 18ffaan waliin ni taphatu.
Bunni Sidaamaa, Buna Beenchimaajii waliin, Machaal , walwaloo Addigiraat Yunvarsiitii waliin, Magaalaan Boodittii, Madin Itiyoophiyaa fi Nagallee Arsii fi kanneen biroon kilaboota xumuraaf Warra darbanidha.