Tapha Piriimar Liigichaan Maanchistar Yuunaayitid Boornimaawuz waliin taphata - ENA Afaan Oromoo
Tapha Piriimar Liigichaan Maanchistar Yuunaayitid Boornimaawuz waliin taphata
Mudde 6/2018 (TOI)- Tapha Piriimar Liigii Ingiliz torbee 16ffaa sagantaa dhumaan Maanchistar Yuunaayitidii fi Boornimaawuz gidduutti har’a ni gaggeeffama.
Taphichi galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Oltiraafoorditti gaggeeffama.
Maanchistar Yuunaayitid qabxii 25n sadarka 8ffaa irra jira yoo ta’, Boornimaawuz immoo qabxii 20n sadarkaa 15 irra jira.
Kilaboonni lameen piriimar liigichaaan kan walitti dhufan kun yeroo 17ffaadha.
Taphoota 16 ammaan dura gaggeessaniin Maanchistar Yuunaayitid yeroo 9 yoo injifatu Boornimaawuz yeroo 4 injifachuun, yeroo Sadii qixa baheera.
Maanchistar Yuunaayitid taphicharratti galchii 30 yoo lakkoofsisu, Boornimaawuz galchii 18 lakkoofsiseera.
Taphoota Liigichaa 5 darbanitti walitti dhufeenya qabaniin Boornimaawuz taphoota 2 yoo injifatu, Maanchistar Yuunaayitid yeroo tokko injifateera.
Taphoota lama hafan qabxii qooddataniiru.
Gareewwan lamaan taphicharratti wal morkii madaalawaa gaggeessu jedhamee eeggama.