Pirojektoota misoomaa naannichatti galmaa'an daran cimsuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee keenya ni baana - Jiraattota Magaalaa Jigjigaa - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoota misoomaa naannichatti galmaa'an daran cimsuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee keenya ni baana - Jiraattota Magaalaa Jigjigaa
Mudde 5/2018(TOI)- Pirojektoota misoomaa naannichatti galmaa'an daran cimsuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee keenya ni baana jedhan jiraattonni Magaalaa Jigjigaa.
Waltajjiin marii hawaasaa mata duree “labsiiwwan Gubaa, injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.
Jiraattonni magaalaa Jigjigaafi naannawaa ishee irratti hirmaataniru. Hirmaattota kanneen keessaa yaada kan kennan Chiif Aqiil Ahimad Huseen, waggoottan darban bu’aawwan misooma hedduu milkaa’an argineerra jedhani. Gara fuula duraattis hojiin misoomaa akka itti fufaniif deeggarsa keenya itti fufna jedhaniiru.
Hirmaataan kan biraan obbo Umar Hasan Hirsi akka jedhanitti hojiileen naannichatti hojjetaman kan galateeffman ta’uu ibsaniiru.
Hojiileen hanga ammaatti hojjetaman kan galateeffataman ta’uu eeruun gara fuula duraatti mootummaan bishaan dhugaatii irratti akka hojjetu gaafataniiru.
Angafni Lubaa Iyyoob Wondimmuu akka jedhanitti, uummanni piroojektoota misoomaa hedduu naannichatti hojjetamaa turan, nagaa eeguu irraa eegalee deeggaraa turaniiru. Hojiileen misoomaa eegalaman jajjabeessoofi abdii kan namatti horan ta’uu eeruun mootummaan gara fuula duraatti ibsaa daandii magaalaa irratti osoo xiyyeefatees yaada kaasaniiru.
Hirmaataa waltajjichaa kan ta’an Luul Sheek Abdii mootummaan hojii kalaqaa irratti xiyyeeffannoo inni kenne cimee itti fufuu qaba jedhani.
Waltajjicha kana kan dursuun gaggeessan, Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa yoo ta’an, mootummaan ida’amuu dandeettii gama hundaan jiru adda baasuun misoomsuun fayyadamummaa ummataatiif hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Qamadii biyya alaatii galchuu dhaabuu danda’uu akka fakkeenyaatti hojii waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetamaa ture ta’uu eruun, damee hundaan badhaadhina mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan. Naannoon Somaalee naannoo qabeenya uumamaan badhaate eeruun, mootummaan misooma hunda galeessa naannichaaf xiyyeeffannoo addaa kennaa akka jirus ibsaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Jigjigaatti gaaffilee ummanni kaasan ,bishaan, daandii keessoo, fi ibsaa ilaalchisee ka’eef deebiin ni kennama jedhan.
Itti Aantuun Af-yaa’ii Gumii Biyyaalessaa Hararii Aadde Amiinna Abdulkariim akka jedhanitti, mootummaan badhaadhina hunda hammate gama hundaan mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti bu’aa fakkeenyummaa qabu galmaan ga’uu ibsaniiru. Milkaa'ina argame itti fufsiisuuf ummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Damee Naannoo Somaalee Injiinar Mohaammad Shaalee akka jedhanitti, mootummaan naannichaa pirojektoota Magaalaa Jigjigaatti eegalaman daran misoomsuun magaalattii wiirtuu daldalaa taasisuuf ciminaan hojjechaa jira.