Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetaman uummata biyyattii fayyadamoo kan taasisaniifi badhaadhina biyyattii kan dhugoomsan gumaachaniiru – Jiraattota

 

Mudde 5/2018(TOI)- Hojiileen misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetaman uummata biyyattii fayyadamoo kan taasisaniifi badhaadhina biyyattii kan dhugoomsan gumaachaniiru jedhan jiraattonni magaalaa Boongaafi naannawaa ishee.

Waltajjiin marii hawaasaa mata duree “labsiiwwan Gubaa, injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun gaggeeffameera.


 

Waltajjii marii kana irratti Magaalaa Boongaafi naannwaa ishee irraa kan walitti babba’an kan irratti hirmaatan yoo ta’u, bu’aawwan misoomaa argamaniifi gara fuula duraattis hojiilee xiyeeffannoo barbaadan irratti yaada isaanii kennuun irratti mari’ataniiru.

Hirmaattota keessaa jiraattuu magaalaa Boongaa kan ta’an aadde Abbaaynash Kabbadaa akka jedhanitti,Paartiin Badhaadhinaa paartii hirmaachisaafi kan uummataa ta’uu eeruun,gaaffii bara dheeraa deebii osoo hin argatiin ture gaaffii ofiin of bulchuu deebii laachuun qabatamaan kan agarsiise dha. Kana malees bu’aawwan misoomaa hedduu argineerra jedhan.


 

Ijaarsi mana barumsaa bultii, kan waggoota dheeraaf harkifate hojiitti galamuu, buufata xiyyaaraa, hojiin uummata irratti xiyyeeffate namoota rakkoof saaxilamoo deeggaruuf hojjetamaa jiru, Maaddiin Guutuu fi hojiiwwan biroo jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

 

Jiraataa magaalaa Boongaa kan ta’an obbo Alamaayyoo Kabbadaan gama isaaniin, mootummaan jijjiiramaa uummata fayyadamoo taasisuufi badhaadhina biyyaa mirkaneessu hojjechaa jira jedhaniiru.

Inisheetiviiwwan akka biyyaatti hojjetamaa jiran uummata naannichaa fi magaalichaa fayyadamoo taasisuusaa hubachiisuudhaan, bu’aa misooma koridaraa fi Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin argame ibsaniiru.

Dhiibbaa qaala’insa jireenyaa hir’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus daballii gatii magaalattii keessatti mul’atee fi kenniinsa tajaajilaa fi hojmaata malaammaltummaa dhaabbilee adda addaa keessatti mul’atu sirreessuuf hojiin cimaan hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Waggoota jijjiiramaa darban keessatti milkaa’inni misoomaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane Afrikaafis fakkeenyummaa kan ta’e hedduun galmaa’uusaa yaada kennan obbo Ayyaalaa Wolde Gabri’eel hubachiisaniiru.

Uummanni Kafaa nagaaf iddoo guddaa akka kennu, gara fuulduraattis akkasuma akka itti fufu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, hawaasni sadarkaa biyyaatti nageenyaaf dursa kennuu akka qabu ibsaniiru.

Waltajjii marii kana dursuun kan gaggeessan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataattii Bakka Bu’aa Mootummaa Ol’aanaa Ministira doktar Tasfaayee Baljigee yoo ta’an, mootummaan dhimmoota misoomaa fi bulchiinsa gaarii naannicha keessatti yeroo dheeraaf mul’atan furuu ibsaniiru.


 

Waggoota jijjiiramaa darban keessatti piroojektoonni misoomaa hedduun naannichatti dameewwan turizimii, qonnaa, albuudaa fi kanneen birootiin hojjetamaa akka turanis hubachiisaniiru.

Akka biyya tokkootti tokkummaan yoo dhaabbannee fi tokkummaan yoo hojjenne galma barbaannu ga’uu dandeenya jedhaniiru.

Itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa damee naannichaa obbo Fiqiree Amaan gamasaaniitiin dhimmoonni misoomaa hawaasni waggoota darban keessa kaasan akka furmaata argataniifi deebii akka argatan hordoffiifi deeggarsi cimaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Gaaffiileen hawaasaas sadarkaa sadarkaan deebii akka argatan hubchiisaniiru.


 

Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa sadarkaa itti aanaa Bulchaa obbo Saadaat Nashaa, erga jijjiiramni dhufee as hirmaannaa bal’aa mootummaa fi uummataatiin bu’aaleen hedduun galmaa’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015