Xiyyeeffannaan misooma qulqullina bunaafi gabaa bunaaf taasifame, oomishtoota bunaa fayyadamoo taasisuun galii sharafa alaa biyyattiis dabalaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Xiyyeeffannaan misooma qulqullina bunaafi gabaa bunaaf taasifame, oomishtoota bunaa fayyadamoo taasisuun galii sharafa alaa biyyattiis dabalaa jira.
Mudde 5/2018(TOI)- Xiyyeeffannaan misooma qulqullina bunaafi gabaa bunaaf taasifame, oomishtoota bunaa fayyadamoo taasisuun galii sharafa alaa biyyattiis dabalaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Itiyoophiyaa ibse.
Giddugalli Dhandhamaa Bunaa Godina Gujii aanaa Adoolaa Waayyuu, ganda Birbirsaa Biluutti hundeeffame bakka hoggantoonni olaanoo Godinaalee, Federaalaa fi naannoo Oromiyaa argamanitti eebbifameera.
Saganticha irratti kan argaman Daariktarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa doktar Addunyaa Dabalaa akka jedhanitti, mootummaan waggoota darban keessatti misooma bunaa, qulqullinaa fi gabaa bunaa irratti xiyyeeffachuun isaa oomishtoota fayyadamoo taasisuu fi galii sharafa alaa biyyattiis dabaleera.
Keessumattuu gosoota biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’an akka biyyaatti fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa bunaa guddisuuf hojiin itti fufinsa qabu hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Qulqullina oomisha bunaa guddisuuf hojiin hubannoo uumuu qonnaan bultoota, daldaltootaa fi qooda fudhattoota hirmaachise gama hundaan gaggeeffamuu eeraniiru.
Haaluma kanaan, bara darbe oomishni bunaa gabaa biyya keessaafi al-ergiitiif oolu dabaluu isaa eeruun, bara kanas oomishni fooyya’aan akka eegamu ibsaniiru.
Naannoon Oromiyaa naannoo oomishni bunaa bal’inaan oomishamu ta’uu eeruun, keessumaa bunni Gujii dhamdhama mi’aa fi qulqullina uumamaa isaatiin gabaa addunyaa irratti baay’ee jaallatamaa dhufuu himaniiru.
Giddugalli dhandhamaa bunaa aanicha keessatti eebbifamee tajaajilaaf dhiyaate buna naannoo sanatti oomishamu haala qulqullina isaa eeggateen gabaaf akka dhiyaatu gochuu keessatti iddoo guddaa akka qabus eeraniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu akka jedhanitti, oomishtummaa bunaa guddisuu fi qulqullina bunaa eegsisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’a qabeessa ta’aa jira.
Giddugalli dhandhamaa bunaa kun oomisha qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate naannichaa irraa gabaa biyya keessaa fi alaatti dhiyeessuuf gargaarsa guddaa akka taasisus beeksisaniiru.
Bulchaan Godina Gujii obbo Nagaash Bullaallaaa gamasaaniitiin bara darbe oomishni bunaa godinichaa toonii kuma 70 ol gabaa giddu galeessaaf dhiyaachuusaa yaadachiisaniiru.
Bara baajataa kanatti oomisha bunaa toonii kuma 120 ol godinicharraa gabaa giddu galeessaaf dhiyeessuuf karoorfamuu eeraniiruun, qonnaan bultoonni godinichaa kuma 160 ol misooma bunaa irratti hirmaachaa fi fayyadamoo ta’uu, akkasumas lafti bal’aan bunaan misoomuu danda’u, heektaara kuma 473 ol uwwisu akka jiru eeraniiru.
Giddugalli Qulqullinaa fi dhamdhama Bunaa godinicha keessatti hundeeffame oomishtoonni cimanii akka hojjetan kan kakaasu ta’uu ibsaniiru.
Godinichatti qonnaan bulaa oomisha bunaa irratti bobba’an obbo Taarikuu Maramii jiraataa aanaa Adoolaa Reeddee ganda Anfeeraaraa irraa akka jedhanitti, giddugalichi buna qulqullina fooyya’aa qabu akka oomishan ni jajjabeessa.