Tamsaasa Kallatti:

Wixineen imaammatichaa dorgomtummaa damee aartii kan guddisudha- Gargaaraa Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee

 

Mudde 5/2018(TIO) – Wixineen imaammata indaastirii aartii fi kalaqaa, damee aartii bu’a qabeessa ta’een bulchuu fi dorgomtummaan isaa akka guddatu taasisa jedhan Deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Gargaaraan Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee.

Ministeerri Aadaa fi Ispoortii wixinee imaammataa fi bu’uuraalee seeraa biroo Indaastiriiwwan Aartii fi Uumamaa, akkasumas qajeelfama mirkanaa’e irratti ogeeyyii fi qooda fudhattoota damee dhimmi ilaallatu waliin mari’achaa jira.


 

Gargaaraan Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyeen ogummaan bifa aadaafi ammayyaa akka qabu ibsaniiru.

Akkasumas, faayidaa xiinsammuu, hawaasummaa fi biyyaalessaa akka qabus eeruun, Itiyoophiyaatti hojiiwwan aartii hedduun hojjetamanis, imaammanni damee kana qajeelchu akka hin jirre hubachiisaniiru.

Ji’oota sadan darban keessa wixineen imaammata indaastiriiwwan aartii fi kalaqaa qophaa’ee, hayyoota, qooda fudhattootaa fi ogeeyyii indaastirichaa hirmaachise qophaa’uu hubachiisaniiru.

Wixineen imaammataa kun dorgomtummaa damee aartii akka dabalu, qooda fudhattoota damichaaf beekamtii kan kennu, guddina damichaa kan qajeelchu ta’uu ibsaniiru. Wixineen imaammataa kun galteewwan adda addaa erga sassaabamaniin booda qaama dhimmi ilaallatuun kan ragga’u ta’uu akeekaniiru.


 

Waltajjii marii kana irratti Daarektarri Olaanaa Kuusaa fi Mana Kitaabaa Itiyoophiyaa Tsartsahaa Fireesibhaat, ogeeyyiin olaanoo aartii, fi itti gaafatamtoonni Biiroo Aadaa fi Ispoortii Naannichaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015