Tamsaasa Kallatti:

Gurmaa’insi dargaggootaa tola ooltummaan dhiiga arjoomuu bira darbee, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu keessatti qaban cimsuu qabu

 

Mudde 5/2018(TOI)- Gurmaa’insi dargaggootaa tola ooltummaan dhiiga arjoomuu bira darbee, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu keessatti qaban cimsuu akka qaban Tajaajilli Dhiigaa fi Tishuu Itiyoophiyaa ibse.

Tajaajilichi Waldaa Arjoomtoota Dhiiga Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin waltajjii marii Adaamaatti gaggeesse, adeemsa sassaabbii dhiigaa ji’oota shanan darban keessatti raawwatamee fi karoora sassaabbii dhiigaa ji’oota bonaa dhufan irratti mari’ateera.


 

Akka daariktarri olaanaa tajaajila kanaa Dr. Ashannaafii Taazzabaa jedhanitti, bara baajataa kana keessatti barattoota, dhaabbilee amantaa fi dargaggoota tola ooltota dabalatee qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun dhiiga yuunitii kuma 550 walitti qabuuf qindoominaan hojjechaa jira.

Aadaa arjooma dhiigaa hawaasa keessatti dagaagsuun, ji’oota shanan darban keessatti dhaabbilee fi manneen barnootaa, gurmaa’insa dargaggootaa fi dubartootaa hirmaachisuun dhiiga yuunitii kuma 202 walitti qabamuusaa ibsaniiru.


 

Gurmaa’insi dargaggootaa tola ooltummaan dhiiga arjoomuu bira darbee, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu keessatti qaban cimsuu akka qabus dhaamaniiru.

Tajaajilichi caasaa gurmaa’insaa fayyadamuun magaalota Jimmaa fi Jigjigaa dabalatee magaalota biroo keessattis arjoomtoota dhiigaa dhaabbataa uumuu danda’eera.

Dargaggoonni kunneen sochii namoonni kaan fedhii isaaniitiin dhiiga akka arjooman jajjabeessuu irratti hirmaachuun lubbuu baraaruu akka qaban gaafataniiru.


 

Itti aanaa Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee doktar Mulugeetaa Indaalaa akka jedhanitti, dhaabbileen fayyaa magaalichaa qooda fudhattoota waliin ta'uun fedhii dhiigaa guutuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kunis lakkoofsi haadholii fi lammiilee sababa dhiiga dhabuun lubbuu dhabanii gara zeerootti gadi buusuun akka danda’ame taasiseera jedhan.

Qindeessaan Waldaa Arjoomtoota Dhiiga Biyyoolessaa Dargaggoota Itiyoophiyaa Dargaggoo Nabiyyuu Museemaa gama isaaniitiin waldichi miseensota isaa qindeessuun lubbuu lammiilee hanqina dhiigaatiin du’aa jiran baraaruuf, dhiiga walitti qabuun, hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Waldaan kun ji’a sadiitti dhaabbataan dhiiga walitti qabuun alattis, hawaasaaf hubannoo uumuu fi dhiiga akka arjooman jajjabeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015