Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Baahir Daaritti abbootii qabeenyaa kaappitaala birrii biiliyoona 24.2 galmeessaniif eeyyamni invastimantii kenname.

 

Mudde 5/2018(TOI)- Magaalaa Baahir Daaritti ji’oota shanan darban keessatti abbootii qabeenyaa 184 kaappitaala birrii biiliyoona 24.2 galmeessaniif eeyyama invastimantii kennuu bulchiinsa magaalichaatti qajeelfamni industiriifi invastimantii beeksise.

Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hoggantuun qajeelfa indaastirii fi invastimantii bulchiinsa magaalaa Baahir Daar aadde Birhaan Nugusee TOItti akka himanitti, Magaalaa Baahir Daar bakka invastimantii fi turizimii filatamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.


 

Ji’oota shanan darban keessatti abbootii qabeenyaa gara magaalatti dhufanii carraa invastimantii jiru keessatti akka hirmaatan jajjabeessuuf tattaaffiin hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan abbootii qabeenyaa 184, kaappitaala birrii biiliyoona 24.2 galmeessanii, dameewwan aagiroo-piroosesingii, hoteelotaa fi turizimii, akkasumas dameewwan biroo irratti bobba’uuf eeyyama invastimantii gaafataniif  eeyyamni kuni kan kenname akka ta’e beeksisaniiru.

Abbootiin qabeenyaa eeyyama invastimantii argatan kunneen,gara fuula duraatti ijaarsa irratti yeroo bobba’an, gabaa biyya keessaafi biyya alaaf dhiyeessuun dabalatatti,hawasa hedduuf carraa hojii akka banan dubbataniiru.

Warshaalee kanaan dura eeyyama invastimantii argatanii ijaarsa irra turan 26 keessaa, shanana isaanii ji’oota shanan darban keessatti hojii dhaabbii maashinarii xumuranii gara oomishaatti galuu isaaniis hubachiisaniiru.


 

Warshaaleen hafan adeemsa maashinarii dhaabuuf akka jiran eeruun itti gaafatamamtuun kuni, warshaaleen hojii dhaabbii maashinarii saffisaan xumuranii oomisha akka eegalaniif deeggarsaafi hordoffiin cimaan taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa kana indaastiriiwwan mukaa fi sibiilaa, nyaataa fi dhugaatii, akkasumas indaastiriiwwan huccuu dabalatee indaastiriiwwan oomishaa adda addaa 268 magaalattii keessatti hojjechaa akka jiran hubachiisaniiru.

Kanneen keessaa indaastiriiwwan 13 oomisha al-ergii irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u; walumaa galatti dargaggoota kuma 11 olii fi kutaalee hawaasaa biroof carraa hojii uumuu isaanii ragaan Qajeelcha Industirii fi Invastimantii irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015