Hojiin Giddugala Wiirtuu Tokkoo(Mesob) fi tajaajila isaa babal’isuu hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Giddugala Wiirtuu Tokkoo(Mesob) fi tajaajila isaa babal’isuu hojjetamaa jira
Mudde 5/2018(TOI)- Hojiin Giddugala Wiirtuu Tokkoo(Mesob) fi tajaajila inni kennu babal’isuu hojjetamaa jiraachuu daariktarri Olaanaa Tajaajila Giddugala Wiirtuu tokkoo (Mesob) Naannoo Beenishaangul Gumuz injiinar Sammaree Jiraataa himani. Kaayyoon inni guddaan tajaajila wiirtuu tokkoo tajaajilli lammiileef kennamu komii irraa bilisa, yeroo fi baasii xiqqaa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’uu isaa mirkaneessuu akka ta’e cimsanii dubbataniiru.
Akka naannichaatti tajaajilli wiirtuu tokko Fulbaana bara 2018 irraa eegalee dhaabbilee naannoo shanii fi federaalaa sadii keessatti dameewwan 33 irratti tajaajila kennaa akka jiru ibsameera.
Hanga ammaattis fayyadamtoonni kuma 6 fi 300 ol tajaajila argachuu isaanii beeksisaniiru. Gara fuula duraatti lakkoofsa dhaabbilee fi tajaajiloota giddugalichatti kennaman dabaluun, babal’isuuf hojjetamaa akka jiru TOItti himaniiru. Haaluma kanaan dabalataan dhaabbilee federaalaa tokkoo fi naannoo sadii gara tajaajila wiirtuu tokkoo(Mesob)tti galchuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Kana hordofuun yeroo dhiyootti tajaajilli dabalataa shan giddugalichatti akka dabalamu himaniiru.
Gama biraatiin sadarkaa bulchiinsa magaalaa Asoosaatti Tajaajila Wiirtuu tokkoo(Mesob) hundeessuuf hojjetamaa akka jirus eeraniiru.