Wixineen labsichaa dhaloota beekumsaa fi namuusa gaarii qabu horachuuf kan dandeessisudha- Manneen barnootaa - ENA Afaan Oromoo
Wixineen labsichaa dhaloota beekumsaa fi namuusa gaarii qabu horachuuf kan dandeessisudha- Manneen barnootaa
Mudde 5/2018(TOI)- Wixineen labsichaa dhaloota beekumsaa fi namuusa gaarii qabu horachuuf kan dandeessisu ta’uu Manneen Barnootaa Magaalaa Finfinnee keessa jiran ibsani.
Ministeerri Barnootaa wixinee dambii jeequmsaa naannoo manneen barnootaa ittisuu fi to’achuuf qopheesse hojiirra oolchuuf hojii eegaleera.
Haaluma walfakkaatuun wixineen seera naamusaa barattootaaf qophaa’ee jira. Kunis namuusa gaarii barattootaa ijaaruuf gargaara jedhamee amanama.
Qajeelfamaa fi dambiin kun akka ibsutti itti fayyadamnii fi gurgurtaan qoricha gosa adda addaa naannoo mana barumsaatti adeemsifamu, ayyaanota aadaa biyya alaa, aadaa fi duudhaa Itiyoophiyaa hin calaqqisiifne kabajuun, bilbila harkaa mana barumsaa qabatanii seenuu, sagalee adeemsa baruuufi barsiissuu jeequ uumuun, naannoo manneen barnootaatti qumaaraa banuun akka hin eeyyamamne ibseera.
Wantoota haala baruufi barsiisuu gufachiisan keessaa adda dureen, naannoo manneen barnootaatti waan baruufi barsiissuuf hin malle kanneen akka sagaleewwan jeequmsaa ta’uu kan himani, dura taa’aan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Diil Barrii Dajanee Tasfaayeedha. Taateewwan akkasiifi iddoowwan kunniin immoo barattoonni akka seeraan barnoota isaanii hin hordofne taasisu jedhani. Mootummaan haala kana hubatee labsifi dambii baasuun isaa barattoonni namuusa gaariin qaramanii akka bahaniif shoora olaanaa waan qabuuf barbaachisaadha jedhaiiru. Dambiifi labsiin kuni bahuun isaa barattoonni wantoota barnoota isaaniitti gufuu ta’an irraa akka fagaataniifi barnoota isaanii qofaa irratti akka xiyyeeffataniif isaan gargaara jedhani.
Dhaabbilee barnootaa wantoota dhalootaaf gufuu ta’an irraa bilisa gochuu yoo hin dandeenye,dhaloota gahumsa qabuufi biyya isaaf gumaacha buusu horachuun hin danda’amu kan jedhani immoo daariktara mana barumsaa Amiigooniyaa doktar Eesaawuu Alamaayyoo dha.
Labsiifi dambiin bahes barattoota boru biyya bakka bu’an horachuuf gahee olaanaa waan gabuuf kan deeggaramuu qabudha jedhani.
Labsiifi dambiin bahe kuni hojiirra ooluun dhaloonni akka fayyadamuuf immoo qaamoleen hunduu deeggarsa barbaachisu taasisuu qabu jedhaniiru.
Wixineen dambiiwwanii fi qajeelfamni kun aadaa, duudhaa fi barmaatilee Itiyoophiyaa sirnaan kunuunsuuf faayidaa akka qabus yaada kennitoonni eeraniiru.
Mootummaan barattoonni haala barumsaa mijataa ta’e keessatti beekumsa itti horatan uumuuf tarkaanfii fudhachaa akka jiru Deetaan Ministira Ministeera Barnootaa Ayyalach Isheetee ibsaniiru.
Manneen barnootaa taateewwan haala baruufi barsiisuu miidhan irraa bilisa gochuun, barattoota egere biyya bakka bu’an namuusaa qaban horachuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhani.