Itiyoophiyaan hariiroo riijinii kan cimsani hojiilee misoomaafi nageenya itti fufinsa qabu hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan hariiroo riijinii kan cimsani hojiilee misoomaafi nageenya itti fufinsa qabu hojjechaa jirti
Mudde 5/2018(TOI)- Itiyoophiyaan hariiroo naannoo Gaanfa Afrikaa kan cimsani hojiilee misoomaafi nageenya itti fufinsa qabu hojjecaa jiraachuu ogeessonni damichaa ibsaniiru.
Bahi Afrikaa, keessattuu naannoon Gaanfa Afrikaa balaa uumamaa fi nam-tolcheef saaxilamoo ta’uun isaanii beekamaadha.
Gama kanaan Itiyoophiyaan nagaa fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu kaayyoo Ajandaa Gamtaan Afrikaa 2063 qabate galmaan ga’uuf, akkasumas walitti hidhamiinsa diinagdee uumuun, naannoo isheen jirtu keessatti shoora adda duree bahachaa jirti.
Ogeessoonni damichaa TOI waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan naannoo Gaanfa Afrikaatti nagenyaafi misooma mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jirti jedhaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee misoomsuun ofirra dabartee biyyoota ollaa fayyadamoo taasisaa jirti jedhan qorataan seera bishaanii idil addunyaa doktar Kabbadaa Garbaa.
Keessumaa naannichatti walitti hidhaminsa diinagdee uumuuf walitti hidhaminsi bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’uu eeruun, gama kanaanis Itiyoophiyaan biyyoota ollaa humna ibsaatiin walqaqqabsiisaa jirti jedhaniiru.
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti, dhimma hariiroo alaa fi nageenyaa itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii doktar Fatihii Maahidii gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan Afrikaanonni koloneeffannaa jalaa akka of bilisoomsan gargaaruu keessatti gaheen qabdu kan dagatamuu qabu miti jedhani.
Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhatte sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii akka argattu taasiseera jedhan.
Itiyoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliin obbolummaan, guddina waloof hojjechaa jirti kan jedhani immoo Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa keessatti qorataa kan ta’an doktar Xilahuun Tafarraa dha.
Akka ogeessota kanneeniitti, Itiyoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliin hariiroo obbolummaan, nageenya naannichaa tiksuun, qabeenya uumamaa jirus waloon fayyadamuu irratti argamti. Kanaafuu hawaasni naannichaa duudhaalee walfakkaatu waan qabuufuu, qabeenya uumamaa qabus akkaataa seerri eeyyamuun waliin fayyadamuu qabu jedhaniiru.
Eegumsi qabeenya uumamaafi naannoo Itiyoophiyaa, teeknooloojiin, barnoonnii fi leenjiin, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru biyyoota naannichaaf bu’aa guddaa akka qabanis hubachiisaniiru.