Tamsaasa Kallatti:

Tarsiimoon leenjii teekniikaa fi ogummaa haaraan cehumsa dinagdee magariisaaf human ni ta’a

Sadaasa 4/2018(TOI)- Tarsiimoon leenjii teekniikaa fi ogummaa haaraan cehumsa dinagdee magariisaaf human akka ta’u de’eetaan ministira hojii fi ogummaa Dr. Tashaalaa Bareechaa ibsan.

Tarsiimoon teekniikaa fi ogummaa dhaabbilee teeknikaa fi ogummaa cimaa ijaaruun human namaa beekumsaa fi ogummaan ga’oome horachuuf dandeessisu haaraan qophaa’ee hojiirra ooluun ni yaadatama.

De’eetaan ministira hojii fi ogummaa Dr. Tashaalaa Bareechaa TOI’f akka ibsanitti, tarsiimoon haaraan sagantaawwan leenjii misooma ogummaa magariisaa kan qabatee fi humna haaromfamuuf xiyyeeffannoo kan kennedha.

Cehumsa gara dinagdee magariisaatti taasifamu keessatti humni namaa beekumsaa fi ga’oome murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Tarsiimichi teeknooloojii ga’umsa qabuu fi teeknooloojiiwwan naannawaaf mijatan hojiirra kan oolchuu fi dhaloota qabeenya qusannaan fayyadamu ijaaruuf akka gargaaru ibsaniiru.

Sirna barnootaa qajeelfama hojii magariisaatiin gabbisuun barattoonni dhaabbileerraa wayita bahan tooftaalee fi hojmaatilee naannawaaf mijataa ta’an akka fayyadaman gargaara jedhaniiru.

Tarsiimoon leenjii teekniikaa fi ogummaa haaraan cehumsa dinagdee magariisaaf human akka ta’u de’eetaan ministiraa kun dubbataniiru.

Akkaataa tarsiimoo leenjii teekniikaa fi ogummaa haaraatiin paakeejiin leenjii teekniikaa fi ogummaa bocamee hojii eegaluu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015