Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa hojii haaromsa Mana Kiristaanaa Mannagashaa Gannata Tsiggee Qulqulluu Goorgisii(Adaaraa Goorgisii) daawwatani - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa hojii haaromsa Mana Kiristaanaa Mannagashaa Gannata Tsiggee Qulqulluu Goorgisii(Adaaraa Goorgisii) daawwatani
Mudde 03/2018(TOI)- Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa hojii haaromsa Mana Kiristaanaa Mannagashaa Gannata Tsiggee Qulqulluu Goorgisii(Adaaraa Goorgisii) daawwataniiru. Obbo Tamasgeen Xurunaan guyyaa har’aa hojii haaromsa Mana Amantichaa daawwatani.
Manni Amantichaa seenaa Injifannoo Adawaa waliin hidhata qabaachuu yaadachiisanii, wayita weerara faashistii 2ffaa akka yakkamaatti ilaalamuun gatii guddaa kaffaluun, ibiddaan gubamuurraa hanga halluu gurraacha dibamuu gahee akka ture ibsaniiru.
Hojiin haaromsa Mana Amantichaa haala sadarkaa isaa eeggateenii fi ogeeyyii garaagaraa hirmaachisuun hojjetamaa jiraachuu eeruun, gamoofi mooraa isaa haala ammayyaa fi seena qabeessummaa isaa eegeen haaromfamuun seenaa isaa guutuu taasisa jedhan.
Hojiileen haaromsaa Mana Amantichaafi naannawaa isaa magaalaa ammayyoomsuu, bakka gahumsa tuurizimii babal’isuufi sadarkaa eegumsa hambaa guddisuu waliin walsimsuun akka hojjetamuuf qaamoleen qooda fudhattootaa gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Ijaarsi golambaa Adwaa naannoo sana jiru, haaromsi adda baabahii Minilik 2ffaaf taasifame, akkasumas ijaarsa bakka daawwattoonni dhaabbatanii ilaalan jiraachuun isaa yaa’insi turizimii naannoo sanaa akka dabalu taasiseera, kuni immoo wiirtuu dippilomaasii Itiyoophiyaa ta’aa jiraachuu agarsiisa jedhan itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.
Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan hojiin haaromsa Mana Amantaa Kiristaanaa Qulqulluu Goorgis Gannata Tsiggee Mannaagashaa haaromsi isaaf taasifame seenaa isaa kan eeggateefi haala ammayyaan waan ta’eef seenaa isaa guutuu taasisa jedhan.
Ogummaan gamoo kanaa itti hojjetaman, guddinni ogummaa aartii fakkiiwwanii, ogummaa fi qulqullinni hojii sibiilaa, akkasumas gatii ol’aanaa meeshaaleen kun hundi qaban dinqisiisaa ta’uu dubbataniiru.
Haaromsi mana amantaa fi naannoo ishee hojii haaromsa magaalaa, bakkeewwan turistii, fi ulaagaalee kunuunsa hambaalee seenaa isaanii eeggatanii akka haaromsamaniif qaamoleen hunduu milkaa’ina isaaf qooda irraa eegamau bahachuu qabaa dhaamaniiru itti aanaan Ministira Muummee kun.