Duula qindaa’aa talaallii pooliyoo biyyoolessaa adeemsifamu daa'imman miiliyoona 24.8 ta’an ni talaalamu - Ministeera Fayyaa - ENA Afaan Oromoo
Duula qindaa’aa talaallii pooliyoo biyyoolessaa adeemsifamu daa'imman miiliyoona 24.8 ta’an ni talaalamu - Ministeera Fayyaa
Mudde 03/2018(TOI)- Duula qindaa’aa talaallii pooliyoo biyyoolessaa adeemsifamu daa'imman miiliyoona 24.8 ta’an akka talaalaman ibse Ministeerri Fayyaa.
Sagantaan jalqabsiisa duula qindaa’aa talaallii pooliyoo Biyyaalessaa guyyaa har'aa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffameera.
Guyyaa har’aa irraa jalqabee guyyoota afuriif duulli qindaa’aan talaallii pooliyoo biyyaalessaa daa’imman miliyoona 24.8 ta’an akka talaalaman sagantaa jalqabsiisaa kana irratti himaniiru Ministirri Ministeera Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa. Ministirri kuni akka jedhanitti guyyaa har’aa irraa jalqabee guyyoota afur itti fufanii jiran keessaatti, kutaalee biyyattii adda addaa keessatti talaalliin kennama.
Kanaafuu maatiifi guddiftoonni daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadii ta’an talaalchisuun,dhibee pooliyoo irraa akka baraaraman taasisuu qabu jedhaniru.
Talaalliin kuni manaa manattiifi manneen barnootaatti waan kennamuufuu milkaa’ina isaaf abbootiin amantaa, maanguddoonnii fi qooda fudhattoonni biroo gahee isaanii akka bahatan dhaamaniiru doktar Maqdas Dhaabaan.
Dabalataan duula talaallii pooliyoon cinatti, gorsi ogeessotaa dhimmoota talaalliiwwan biroo cimsuu,akkasumas haala eegumsa fayyaa hawaasaa irratti gorsiifi barumsi ni kennama jedhaniiru.
Talaallii kanaan alattis qorannoon dhibee vaayirasii Maarbarg ni gaggeeffama jedhan.