Qonnaan bultoonni Godina Wallagaa Lixaa horsiisa kanniisaa irratti bobba’an fayyadamoo ta’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan bultoonni Godina Wallagaa Lixaa horsiisa kanniisaa irratti bobba’an fayyadamoo ta’aniiru
Mudde 03/2018(TOI)- Qonnaan bultoonni Godina Wallagaa Lixaa horsiisa kanniisaa irratti mala ammayyaan bobba’an fayyadamoo ta’aa jiraachuu himani.
Qonnaan bultoonni oomisha dammaa irratti bobba’an mala gaagura ammayyaa fayyadamuu erga jalqabanii oomishni dammaa dabaluu ibsani.
Qonnaan bultoota kanneen keessaa jiraataan aanaa Gimbii obbo Daawwit Gammachuu mala aadaatiin damma yeroo oomishaa turanitti bu’aan irraa argamu xiqqaa ture jedhu. Garuu yeroo ammaa deeggarsa ogeessota qonnaa irraa argataniin, gaagura ammayyaa 21 kan qaban ibsuun, waggaatti damma kiiloogiraama 350 ol oomishuu danda’eera jedhu.
Qonnaan bulaa aanaa Laaloo Assaabii obbo Waaqtolaa Salamoon gama isaaniin, gaagura aadaafi ammayyaa fayadamuun damma oomishaa jiraachuu isaanii eeruun, gaagura aadaa tokko irraa damma kiiloo giraama 6 hanga 8 kan argamu yoo ta’u,gaarura ammayyaa tokko irraa immoo damma kiiloo giraama 25 hanga 30 argachuu akka danda’an himaniiru.
Qonnaan bulaa Ayyaanaa Kamisoo gama isaaniin akka jedhanitti,damma mala aadaan yeroo oomishaa turanitti waggaatti kiiloo giraama 20 hanga 30 hin caalle kan argataa turan ta’uu eeraniiru. Yeroo ammaatti garuu erga damma mala ammayyaan oomishuu eegalanii waggaatti kiiloo giraama 50 hanga 70 argachuu akka danda’an ibsaniiru.
Waajjira Qonnaa Godina Wallaggaa Lixaatti dursaan garee Misooma Beeyladaa fi Fooyya’iinsa Sanyii obbo Gammachiis Taaddasaa akka jedhanitti, bara oomishaa kanatti godinicha keessatti damma toonii kuma 12 ol walitti qabuuf karoorfamee hojiitti kan galame ta’uu dha. Qonnaan bultoonni oomisha dammaa irraa fayyadamoo akka ta’niif gorsi ogeessotaa kennamaafii kan jiru yoo ta’u gaagurri ammayyaas isaaniif raabsamuu himaniiru.
Bara oomishaa 2018tti qonnaan bultootaaf gaagura ammayyaa 116,327 raabsuuf karoorfamee, hanga ammaatti gaagura ammayyaa kuma 47 fi 387 raabsameera jedhan.
Qonnaan bultoonni kuma 15 godinicha keessatti misooma oomisha damma irratti bobba’uu isaanii ibsaniiru obbo Gammachiis.