Tamsaasa Kallatti:

Dargaggeessa karaa Inisheetiivii Maaddii Guutuun Miliyeenara ta’e

Inishiyeetiiviin Sagantaa Maaddii Guutuu Biyyoolessaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad magaalaa Arbaa Minchitti eegalalchiisan bu'aa argamsiisaa fi namoota hedduu fayyadamoo taasisaa jira.

Sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuun dabalatatti, lammiileen nyaata madaalawaa akka argataniif shoora olaanaa bahachaa jira.

Naannolee biyyattii sagantichi milkaa'inaan hojiirra oole keessaa bulchiinsi saba Waag hamraa Naannoo Amaaraa Magaalaa Saqoxaa isa tokkodha. Dameen kun wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, qabeenya maddisiisuun gargaaraa jira.

Kanaanis milkaa’aa kan ta’e dargaggeessi jiraataa magaalaa Saqoxaa Yoonaas Dabaash isa tokkodha. Dargaggeessi kun TOI waliin turtii taasiseen akka jedhetti, sagantichaan jalqaba horsiisa kanniisaan kan eegale yoo ta’u, boodarra guddisuun gara horsiisa lukkuu fi misooma jallisiitti ce’e.

Dargaggeessi kun horsiisa kanniisaa irraa waggaatti damma hanga kiiloo giraama 200 oomishuun dandeettii diinagdee isaa guddisuu danda'eera.

Horsiisa lukkuu kanaan cuucii kuma sadii guddisuun hojii kan eegale, amma kuma saddeetirraan gahuun cuucii baatii lamaa gabaaf dhiyeessuun fayyadamaa jira.

Dargaggoo Yoonaas damee kanarratti namoota 20f carraa hojii kan uume yoo ta’u, amma qabeenya birrii miiliyoona 20tti tilmaamamu horachuu danda’eera.

Dargaggeessi kun hojii isaa gara invastimantii qonnaatti babal’isuuf bulchiinsa magaalichaa irraa lafa kaaree meetira kuma tokko argachuun, lafichas misoomsaa jiraachuu himeera.

Namoota carraa hojii dargaggeessi kuni uumeef irraa fayyadamoo ta’an keessaa aadde Ihiitiwooy Mallasaa ciminnii fi tattaaffiin dargaggeessa kanaa namoota biroof fakkeenya ta’uu himan. Isaanis iddoo cuucii lukkuu guddisuu keessatti kan hojjetaniin galii argataniin maatii isaanii gargaaruun dabalatatti, haala horsiisa lukkuu ogummaa fi muuxannoo argachaa jiraachuu himaniiru.

Bulchiinsa saba Waag haamraatti itti Gaafatamaa Waajjira Misooma Beeyladaa fi Qurxummii obbo Sisaay Ayyaaloo akka ibsanitti, Inispeekshiniin Sagantaa Maaddii Guutuu bulchiinsa kana jalatti gaggeeffamaa ture wabii nyaataa hawaasichaa mirkaneessuuf haala mijataa uumeera.

Sagantaan kun wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dandeettii dinagdee guddisuu fi carraa hojii uumuun shoora olaanaa bahachaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Gama isaaniin deeggrsa barbaachisu tasisuu akka itti fufan ibsaniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015