Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hojmaattota badaa oolcheera - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hojmaattota badaa oolcheera
Mudde 3/2018 (TOI)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hojmaattota badaa furuun tajaajiloonni itti quufinsa qaban akka dhihaatan dandeessisuun isaa ibsame.
Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa Asiraat Adaaroo akka jedhanitti, wiirtuun kun tajaajila dhaabbilee bu’aa bayiin guutamee fi hojmaata badaaf saaxilame ture karaa hojmaata badaarraa qulqullaa’een dhiheessuuf dandeessiseera.
Tajaajila qaqqabamaa kennuun itti quufinsa lammiilee mirkaneessuu fi human namaa, yeroo, humna akkasumas qabeenya(Waraqaa) qisasarraa oolchuu ibsaniiru.
Onkoloolessa 24 bara 2018 irraa eegalee naannichatti tajaajilli wiirtuu tokkotti kennamaa akka jiru dubbataniiru.
Tajaajilichi kan eegalame dhaabbilee sagal tajaajiloota 28’n ta’uu ibsanii, tajaajilli kun yeroo ammaa gara 35tti guddachuusaa mirkaneessaniiru.
Amma Oduun kun qindaa’etti namoonni kuma 3 fi 641 wiirtuu kanatti tajaajila argachuusaanii TOI’tti himaniiru.
Yeroo ammaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalota godinaa fi bulchiinsota magaalaa shanitti babal’isuuf tattaaffiin taasufamaa akka jiru dubbataniiru.