Agadaan Shonkkooraa qabiyyee shukkaaraa qaban jiddu galeessaan dhibbantaa 13 tuqaa 9 warshaa shukkaaraa Wanjii Shawaaf dhihaachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Agadaan Shonkkooraa qabiyyee shukkaaraa qaban jiddu galeessaan dhibbantaa 13 tuqaa 9 warshaa shukkaaraa Wanjii Shawaaf dhihaachaa jira
Mudde 3/2018 (TOI)-Agadaan Shonkkooraa qabiyyee shukkaaraa qaban jiddu galeessaan dhibbantaa 13 tuqaa 9 warshaa shukkaaraa Wanjii Shawaaf dhihaachaa akka jiru ibsameera.
Hogganaan waajjira hojii gaggeessaa warshaa Shukkaaraa Wanjii Iyyu’eel Lalaangoo, maashinaroonni Shonkooraa agadaa gara warshaa geessanii fi suphaan warshichaa xumuramuusaatiin oomisha eegaluusaa beeksisaniiru.
Haala Kanaan Warshichi Shukkaara oomishaa akka jiru hogganaan kun TOI’f himaniru.
Warshichi bara bajataa kana Agadaa Shonkooraa daakee sa’aatii 21 fi daqiiqaa 20 keessatti Shukkaara oomishuu danda’uusaa eeraniiru.
Kunis seenaa industirii Shukkaaraa biyya keenyaa keessatti riikordii yeroo gabaabaatti Shukkaarri kan itti oomishame ta’ee galmaa’eera.
Warshichi qulqullinaan suphamuusaatiin Agadaan shonkoorichaa quulqullina kan qabuu fi dhiheessiinsaas osoo addaan hincitiin dhihaachuusaatiin bu’aa argame ta’uu dubbataniiru.
Kanaan dura Shukkaara oomishanii baasuuf sa’aatii 78, bara 2016 sa’aatii 30 akkasumas bara 2017 sa’aatii 28 kan barbaada akka ture dubbataniiru.
Yeroo suphaatti dandeettii Sanyii Shonkooraa Agadaa fooyyessuu, Shonkoora Agadaa daakuu, Shukkaara oomishuu fi adeemsi cuunfuu irratti oomishtummaa guddisuuf raawwatamuusaanii eeraniiru.
Barana Agadaa Shonkooraa qabiyyee Shukkaaraa qaban oomishuun jiddu galeessaan dhibbantaa 13 tuqaa 9 warshichaaf dhihaachaa dhihaachaa akka jiru dubbataniiru.