Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti lammiileen kuma 900 ol Leenjii Itiyoo koodarsii leenji’aniiru

Mudde 2/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti  lammiileen  kuma 956 leenjii Itiyoo  koodarsii  fudhachuusaanii Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Teekinooloojii beeksise.

Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa kenna tajaajilaa mootummaa dijiitaala gochuun isa tokko.

Kana deeggaruuf Barnoota Idilee teekinooloojii dabalataan leenjii Itiyoo koodarsii fi  leenjiiwwan biroo Onlaayinii mootummaan akka filannoo tokkootti lammiileef mijataa taassisuun qaama kanaati.

Innisheetivii Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin kan eegalamee fi lammiilee miiliyoona 5’f leenjiin Itiyoo koodarsi mijate naannoolee hundatti marsaalee adda addaan kennamaa jira.

Naannoo Oromiyaatti leenjichi erga eegalamee asitti lammiileen kuma 900 ol fayyadamoo carrichaa ta’uun, hedduun damichaan hanga hojii uumuu gahuusaanii  ibsaniiru.

Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Teekinooloojii Naanichaa  Injiinar Jimaa Tulluu TOI’f akka ibsanitti naannichatti leenjiin Itiyoo koodarsi lammiileen fayyadamoo akka ta’aniif qooda fudhattoota waliin hojiiwwan adda addaa hojjetameera.

Kaayyoon Leenjichaa lammiileen damee dijiitaalaan dorgomaa akka ta’an gochuurra darbee tajaajilli si’ataa kennuuf akka garghaaru eeraniiru.

Dabalataanis Leenjichi  Barattoonni hariiroo teekinooloojii waliin qaban kan jabaate akka  ta’uuf haala mijataa kan uumu yoo ta’u hojii barbaaddotaaf immoo carraasaanii kan bal’isuufii ta’uu dubbataniiru.

Leenjiin Itiyoo koodarsi karoorasaa galmaan ga’uuf hubannaa uumuu, mana yaalii qopheessuu, kompiitarootaa fi bu’uuraalee misoomaa biroo guutuu fi wiirtuuwwan leenjii haala mijeessuun hojin bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.

Magaalota naannoolee fi godinaaleetti hojjettoota mootummaaf, daldaltootaaf, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaaf barattoota kolleejjii fi Yunvarsiitii adda addaarra eebbifaman leenjicharratti dammaqinaan hirmaachaa jiru jedhaniiru.

Walii gala naannichatti  lammiilee Miiliyoona 1 tuqaa 2  fayyadamoo leenjichaa taassisuuf kan karoorfame yoo ta’u hanga ammaatti lammiilee kuma 956 leenjicha fudhachuusaanii  ibsaniiru.

Leenjifamtoonni hedduun hojii galmee waraqaa eenyummaa biyyaalessaarratti kallattiin hirmaachuun carraa hojii fayyadamaa akka jiran ibsaniiru.

Bara bajataa kana karoora leenjii Itiyoo-koodarsiif qabame milkeessuuf  tumsi taasifamu akka itti fufu Injiinar Jimaan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015