Naannoo Oromiyaatti hojii misooma bishaan kuufamaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetamaa ture bu’a qabeessa dha - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti hojii misooma bishaan kuufamaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetamaa ture bu’a qabeessa dha
Mudde 02/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti hojii misooma bishaan kuufamaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetamaa ture bu’a qabeessa ta’uu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse.
Hojii itti fayyadama bishaan kuufamaafi misooma qabeenya uumamaa bona baranaa milkaa’aa taasisuuf leenjiin ogeessota damee kanarra jiraniifi hoggantootaaf magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gaadaatti kennamaa jira.
Hogganaan waajjirichaa obbo Geetuu Gammachuu akka ibsanitti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kana waktii bonaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetama.
Naannichatti waggoottan torba darbanitti hojiiwwan kunuunsa biyyeefi bishaaniif taasifameen, milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu ibsuun, lafti qullaa turte damdamachuu,dhiqamni biyyaa hir’achuu,lolaaniifi hongeen hir’achuu himaniiru.
Dabalataanis kunuunsi qabeenya uumamaa kuni haala dhiibbaa qilleensaa damdamachuu,oomishaafi oomishtummaan akka dabalu taasisuufi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa bahataa jira jedhan.
Bara darbe naannichatti hojiin daagaa hidhuu,bishaan cimmisuu kan hojjetamaniifi sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman kunuunfamaa jiraachuu eeraniiru.
Hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa taasifame kanaan,burqaawwan badanii turan deebi’uu,haroon gogee ture bishaan kuufachuu jalqabuu eeraniiru.
Kunis qamadii jallisii boneen misoomu bishaan gahaa ta’een akka misoomu kan dandeessise ta’uu ibsuun, horsiisa qurxummii fi tajaajila bishaan dhugaatiif kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, lafa beeyladoota irraa bilisa gochuun,lafti suni akka damdamatu taasifamuun, biqilootaan uwwifamuu eeraniiru.
Bu’aa damichaan argame daran cimsuuf bara kana hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii fi misooma bishaan kuufamaa raawwachuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru.
Kanaafis bishaan kuufamaa kuma shaniifi 930 adda baafamuu eeruun, hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii fi misooma bishaan kuufamaa irratti namoota miliyoona 9.8 hirmaachisuuf qophiin gahaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.