Naannichaa hangi Bunaa gabaa gidduugaleesaaf dhihaatu yeroo gara yerootti guddachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannichaa hangi Bunaa gabaa gidduugaleesaaf dhihaatu yeroo gara yerootti guddachaa jira
Mudde 2/2018(TOI)- Naannoo Ummattoota Kibba Dhihaa Itiyophiyaatti hangi fi qulqullinni omisha Bunaa Gabaa gidduu galeessaaf dhihaachaa jiru yeroot gara yerootti guddachaa dhufuu Abbaan Taayitaa Bunaa, Shayii fi Mi’eessituu ibse.
Waggoottan Afran darban omishni Bunaa Waggaa waggaan giddu galeessaan toonii kuma 52 fi 257 gabaa gidduugaleessaaf dhihaachuu Daaraktarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Asiraat Makuraa TOI’f ibsaniiru.
Bara baajataa 2018 bunni dhiqamee fi hindhiqamiin Tooniin kuma 71 fi 400 gabaa gidduu galeessaaf dhiheessuuf karoorfamuu eeruun, hanga ammaatti Tooniin kuma 10 fi 21 gabaa gidduugaleessaaf dhihaachuu Mirkaneessaniiru.
Yeroo ammaa Asheeta Buna diimaa funaanuu fi qophiin Buna dhiqamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Karoora bara kanaa galmaan ga’uuf daldalaa fi qulqullina omisha Bunaa Sadarkaan jiru seera qabeessa taassisuuf Koreen to’annoo hordoffii taasisaa jira.
Qophii omisha Buna dhiqamee fi qulqullina eegisuu ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatuu leenjiin hojii qabatamaarratti hundaa’e kennamuu kaasaniiru.
Gama biroon bara baajatichaatti carraan hojii dhaabbii fi yeroo qophii Biqiltuu bunaan, Omisha Bunaa walitti qabuun, qophii omishaan namoota kuma 22 fi 441’f uumameera jedhaniiru.