Oromiyaatti miidhaa Dubartootaa fi Daa'imman irra ga’u hir’isuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira - Biiroo Dhimmaa Dubartootaa fi Da'immanii - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaatti miidhaa Dubartootaa fi Daa'imman irra ga’u hir’isuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira - Biiroo Dhimmaa Dubartootaa fi Da'immanii
Mudde 2/2018(TOI)–Naannoo Oromiyaatti miidhaa daa'immanii fi dubartootarra ga'u hiri’isuu fi fayyadamummaa isaanii gama hundaan mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Oromiyaa beeksise.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan kan qophaa'uu sagantaan Gumii Balballoomii irratti hoggantoonni Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imanii fi ogeeyyiin seeraa Biiroo Haqaa naannichaa mari’ataniiru.
Sagantaa kanaanis naannichaatti mirga dubartootaa fi daa'immanii kabachiisuu akkasumas miidhaa dubartootaa fi daa'immanirra gahu hir'isuuf hojii hojjetama jiru irratti mari'atameera.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas godinaalee Oromiyaa 16 fi magaalaatoota 14tti miidhaa dubartootaa fi daa'immanirra gahuu ilaalichisuun qorannoo taasise haala ka’umsa marichaaf ta’uun dhiheesera.
Qorannoo kanaanis naannichaatti hojiileen mirgaa dubartootaa fi daa'immanii kabachiisurratti erga jijjiirama asii hojjetameen jijjiiramni fooyyee qabu argamus; bakka tokko tokkotti garuu ammas miidhaan jiru furmaata waaraa kan hin arganne ta'uu ibsameera.
Keessattu iddoo qorannoon kun itti taaisifame tokko tokkootti yakki gudeeddii, godaansa seeraan alaaf dubartoonni akka saaxilaman taasisuu, hirmaannaan dubartoonni sekteraalee hojii mootummaa keessatti qaban sadarkaa gandaa fi aanaatti xiqqaa ta'uu qorannoo kanaan hubatamuu Biirichii ibseera.
Waltajicharratti argamuun qorannicha irratti yaada kan kennaan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Aadde Mabiraat Baacaa naannichatti mirga dubartootaa fi daa'immanii kabachiisuu fi fayyadamummaa isaanii gama maraan mirkaneesuu irratti xiyyeeffannoo addan hojjetama jira jedhaniiru.
Biirichi mirga dubartootaa fi daa’immanii kabachiisuu, miidhaa dubartootaa fi daa’imanirra gahu hiri’isuu fi kanneen miidhaan irra gaheef deeggarsa barbaachisu taasisuu irratti qooda fudhatoota biroo waaliin qindaa’ee hojjecha jirachuus eeraniiru.
Hojiin qindoominaa fi walitti fufinsa qabu hojjetamuus ammas bakka tokko tokkotti rakkoon kun jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoo kana waraan furuufis hojiin gama adda addaan dubartoota gahoomsuu fi miidhaa dubartootaa fi daa’immanirra gahu hir’isuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetama jiraachuu himaniiru.
Miidhaa dubartootaa fi daa’imanirra gahu hiri’isuuf hirma
nnaan hawaasaas cimuu akka qabu hubachiisaniiru.