Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbileen barnoota olaanoo tumsaan waliin hojjechuun irra jireessa bu’a qabeessa akka ta’an xiyyeeffannoon kennameera

Mudde 02/2018(TOI)- Dhaabbileen Barnoota olaanoo ergama isaaniin adda baafamanii tumsaan waliin hojjechuun irra jireessa bu’a qabeessa akka ta’an xiyyeeffannoon kennamuufii ministeerri barnootaa ibse.

Waldaan kompireensiivii Yuunivarsiitii Waliigalaa Itiyoophiyaa Yaa'ii Waliigalaa 2ffaa isaa Yuunivarsiitii Waraabeetti gaggeesseera.


 

Yaa’icha irratti bakka bu’aan Ministira Barnootaa fi Hogganaa Deeskii Tajaajila Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaa kan ta’an doktar Iyyoob Ayyaanoo akka ibsanitti, ministeerichi dhaabbilee barnoota olaanoo qulqullina barnootaa mirkaneessuun ergama qaban adda baasee hojiitti seenuu isaa ibsaniiru.

Dhaabbileen kunneen hojii baruufi barsiisuu isaanii sadarkaa qorannoon, saayinsii appilaayidii (hojii qabatamaan agarsiisuu), fi sadarkaa kompireensiiviitti adda baafamanii sirna baruufi barsiisuu isaanii irratti argamu.

Dhaabbileen barnoota olaanoo uumama naannoo isaaniitti fayyadamanii bu’a qabeessa akka ta’aniif hojiin hojjetamuu eeruun, kaayyoon yaa’ii kanaas inni guddaan kana galmaan ga’uuf ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen kunneen ergama isaanii qindoominaan waliin hojjechuunii fi qulqullina barnootaatiif gumaacha akka taasisan ministeerichi ciminaan hojjechaa akka jirus beeksisaniiru.


 

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gaambeellaa fi walitti qabaan kompireensiivii Waldaa Yuunivarsiitii Waliigalaa kan ta’an doktar Dirribaa Itichaa akka ibsanitti, baruufi barsiisuu fooyyessuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, waldaan kun kaayyoo kanaaf kan hundeeffame ta’uu ibsaniiru.

Yaa’iin waliigalaa kun qabeenya muraasa sadarkaa biyyaatti jiru sirnaan fayyadamuuf tumsaa fi qindoominaan akka itti fayyadamnu kan gargaaru dha kan jedhani immoo Pireezidaantii Yuunivarsiitii Qabrii Dahaar injiinar Abdulfattaa Ahimad dha.


 

Yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu isaatiin dhaloota gahumsa qaban boru biyya bakka bu’anii tajaajilan horachuuf ergama isaa bahachaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Waraabee Injiinar Toofiq Jamaal (PhD), akka jedhanitti, yunivarsiitiiwwan kompireensiivii lammiilee beekumsa qaban, ogummaa qabanii, fi namuusa gaarii qaban horachuuf ergama itti kenname ta’uu himaniiru.


 

Yuunivarsiitichi sanyii talbaa qorannoodhaan argamee fi kanaan dura naannoo sanatti hin baramne dabalatee loozii naannoo sana waliin wal simsiisuun,gabaa biyya keessa qofaaf osoo hin taanee gabaa biyya alaatti ergamuun gumaachaa jiraachuu eeraniiru.

Yaa’ii waliigalaa kanarratti pireezdaantonni dhaabbilee barnoota olaanoo 21 Ministeera Barnootaatiin yunivarsiistii kompireensiivii jedhamanii kan adda baafaman hirmaataa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015