Tamsaasa Kallatti:

Oomishtummaa beeyladaa guddisuuf sanyiiwwan fooyyessuun hojiiwwan bu’a qabeessi jalqabaman ciminaan itti fufu

Mudde 01/2018(TOI)- Hojiin bu’a qabeessummaa sanyiiwwan fooyyessuudhaan oomishaa fi oomishtummaa beeyladaa guddisuuf jalqabame cimee itti fufuu akka qabu itti aanaan daariktara Olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa doktar Daanyaachoo Bayyanaa ibsaniiru.

Waggoota jijjiirama darban keessatti qabeenya damee qonnaa keessatti milkaa’ian gaariin akkuma argame, oomishtummaa beeyladaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus kan gaarii ta’uu ibsameera.

Keessattuu erga maaddiin guutuu hojiirra oolee as oomishtummaan beeyladaa haalaan dabaluun jireenya namoota hedduu jijjiiruun, fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu akka danda’e hubatameera.

Itti aanaan daariktara Olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa doktar Daanyaachoo Bayyanaa akka jedhanitti, inistituutichi loon maalaa dabalatee sanyiiwwan beeyladaa fooyya’aa oomishuun, bu’aawwan horii irraa argaman akka dabalu taasiseera.


Keessattuu, sanyiiwwan biyya alaa oomisha olaanaa argamsiisuu danda’an saawwaniifi goromsawwan diqaalomsuun sanyiiwwan fooyya’oo ta’an horsiisaa jiraachuu himani.

Kunis tikfattoonniifi qonnaan bultoonni sanyii beeyladaa fooyya’aa ta’e akka argatan kan taasise yoo ta’u, oomishni beeylada isaanii irraa argatan baay’inaafi qulqullinaan dabalaa akka jiru himaniiru.


Sagantaan Maaddii Guutuu Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin hojiirra oole kanaaf xiyyeeffannoo guddaa argachaa jiraachuu eeraniiru.

Gara fuuladuraattis tooftaa walhormaata namtolcheen diqaalomsuu, itti fayyadama teeknooloojiiwwan adda addaa, akkasumas leenjii ogeessotaaf ogummaa dabalataa kennuun cimee itti fufa jedhaniiru.

Inistituutichi bara bajataa kanatti saawwaniifi goromsoota miliyoona 4.9 diqaalomsuuf karoora kan qabate yoo ta’u, karoora isaa galmaan ga’uuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera.


Itti Gaafatamaan Giddugala Misooma Beeyladaa Hoolataa doktar Araarsaa Dhugumaa gama isaaniitiin, giddugalichi fayyadamummaa Itiyoophiyaan damee beeyladaa mirkaneessuuf hojjechaa jirtu galmaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Sanyiiwwan fooyyessuu, ogeessota leenjisuu fi nyaata beeyladaa oomishuu fi kanneen biroo irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Giddugalichi goromsawwan fooyya’oo ta’an fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasisaa akka jirus eeraniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015