Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaarraa Bunni kuntaalli miiliyoona 18 Gabaa gidduu galeessaaf ni dhihaata

Mudde 1/2018 (TOI)-Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi Qulqullina Bunaa eegsisuun bara omishichaatti Bunni Kuntaalli miiliyoona18 gabaa gidduugaleessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse.

Itti Gaafatamaan Biiroo Qonna Naannichaa Obbo Geetuu Gammachuu fi Hoggantoonni Godinichaa Godina Iluu Abbaa Boor Aanaawwan adda addaatti omisha bunaa walitti qabamaa jiru qabinsaa fi qulqullinasaa irra deemuun daawwataniiru.


 

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Omishaa fi qulqullina Bunaa fooyyessuun dorgomummaasaa fooyyessuuf innisheetiviin bocamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Omishtummaa bunaa guddisuuf muka bunaa dullooman gamashuu fi haaraan bakka buusuurra darbee, biqiltuuwwan bunaa omisha fooya’aa kennan qopheessuurratti xiyyeeffannoon kennameera.

Kanaanis paakeejii misoomaa fi qulqullina bunaarratti ogeeyyii naannoo irraa hanga Aanaatti Jiranii fi Qonnaan Bulaan leenjii hubannaa kan argatan ta’uun beekameera.


 

Itti gaafatamaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, akka jedhanitti, Naannichatti Misoomaa fi Qulqullina Bunaa eegsisuun bara Omishichaatti kuntaala miiliyoona 18 gabaa gidduu galeessaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira.

Qulqullina Bunaa mirkaneessuuf asheeta Bunaa diimaa funaanuun fi sireerratti gogsuun kuusuu fi geejibsiisuun qisaasamni akka hin uumamnee hordoffiin taassifamaa jiraachuu kaasuun, hanga ammaatti kuntaala miiliyoona 8 walitti qabamuu ibsaniiru.

Galii bunarraa argamu guddisuuf misooma bunaarra hanga omisha walitti qabuutti qulqullina Omishaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Godina Iluu Abbaa Booritti Lafa hektaara kuma 342 Bunaan Misoomuu fi kanarraas Callaan Bunni Tooniin Kuma 74 gabaa gidduugaleessaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godinichaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii ibsaniiru.

Godinichatti Waldaaleen 22 hojii daldala bunaarratti bobba’uusaanii fi qulqullinasaaf xiyyeeffannoo akka kennaniif hubannaan isaaniif kennamuu hubachiisaniiru.

Qulqullina omisha bunaa eegsisuun dingdee omishtootaa fi dhiheessitootaa guddisuuf Daldala seeraan Alaa to’achuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinichatti Jiraataan Aanaa Mattuu Qonnaan bulaa Dassaalanyi Tafarii fi Gammachuu Takkaa gamasaaniin, Asheeta Bunaa Diimaa Funaanuun sireerratti gogsuun gabaaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015