Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa dhaabbilee irratti mudatan ciminaan balaaleffachuunii fi iitisuun milkaa’ina biyyoolessaa gurguddoo galmeessaa jira - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa dhaabbilee irratti mudatan ciminaan balaaleffachuunii fi iitisuun milkaa’ina biyyoolessaa gurguddoo galmeessaa jira
Mudde 01/2018(TOI)- Mootummaan Ida’amuu malaammaltummaa dhaabbilee irratti mudatan ciminaan balaaleffachuunii fi iitisuun milkaa’ina biyyoolessaa gurguddoo galmeessaa jiraachuu itti aanaan Minitira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Guyyaan Farra Malaammaltummaa Idil-addunyaa 22ffaan mata duree "Dhaloota Naamusaan, Dhaabbata Hojmaataan” jedhuun yaadannoo Golambaa injifannoo Adawaatti kabajameera.
Itti aanaan ministeera muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniin, malaammaltummaan sababa kufaatii naamusaa fi dadhabbina dhaabbilee ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan gocha badaa kana ittisuuf bu’uura hammattoo seeraa fi dhaabbata diriirsuun waggoota kurnan lamaaf hojjechaa jirti jedhan.
Erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee jalqabee, Koreen Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa hundeeffamuu dabalatee, adeemsa malaammaltummaa biyyaalessaa madaaluu, hubannoo uumuu, furmaata itti fufiinsa qabu adda baasuuf hojiiwwan hojjetamaa akka turan eeraniiru.
Milkaa’inoonni biyyaalessaa galmaa’aa kan jiran, mootummaan ida’amuu malaammaltummaa mootummaa ciminaan balaaleffatu waan ta’eefidha jedhaniiru.
Fakkeenyaaf, dhaabbileen haaromsa irratti xiyyeeffatan malaammaltummaa qolachaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa jajjabeessuun hojiiwwan badaa dafanii sirreessaa akka jiran wayita daawwannaan taasifame hubatamuu ibsaniiru.
Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa xumuramuun, dhaabbileen misoomaa bajata dhabanii kisaaraa keessa turan, hanqina baajata guutuun dhaabbileen misoomaa bu’aa argamsiisuun xumuramuu, kaffaltoonni gibiraa badhaasa argatan hundi isaanii malaammaltummaa jibbuun agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Qabeenyi mootummaa karaa malaammaltummaa fi yakkoota birootiin hatame,karaa hawaasa fayyaduun akka deebi’u haala dandeessisu uumuun labsiin qabeenya deebisuu kanaan dura hanqina qabu ture fooyya’uu isaa eeraniiru.
Malaammaltummaa hambisuufi to’achuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeruun, akka fakkeenyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo(MESOB), iftoominaafi itti gaafatamummaa uumuun malaanmaltummaa ittisuuf shoora olaanaa qaba jedhani.
Gama biraatiin malaammaltummaa ittisuuf furmaanni waaraa dhaloota namuusaan ijaaruufi lammiilee malaammaltummaa balaaleffatu uumuu akka ta’e cimsanii dubbataniiru.
Malaammaltummaan sadarkaa biyya diiguu irra gahee ture yeroo ammaa wal’aansoo cimaan dhaabsifneerra jedhani.
Dhaloota namuusaan ijaaruu, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbilee ammayyeessuun, seera malaammaltummaa ittisuuf bahe kabachiisuuf hunduu kutannoo qabaachuu qaba jedhan.