Tamsaasa Kallatti:

Misoomni Koriidaraa magaalaa Jimmaa baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera

Mudde 01/2018(TOI)- Misoomni Koriidaraa magaalaa Jimmaa, magaalittii miidhagsuun baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera jedhe waajjirri turizimii magaalichaa.

Magaalota misoomni koriidaraa keessatti bal’inaan adeemsifamaa jiru keessaa magaalaan Jimmaa ishee tokko yoo taatu, misoomni koriidaraa magaalittii miidhagsuun cinatti carraawwan hojii damee hedduu fidee dhufuu ibsameera.

Misoomni koriidaraa magaalaa Jimmaatti hojjetame jiraattotaa fi turistootaaf haala mijataa kan uumedha jedhan itti gaafatamtuun waajjira turizimii magaalaa Jimmaa Roozaa Zaakir.

Sababa misooma koriidaraan turistoonni biyya keessaafi biyya alaa dabaluu eeruun, bara darbe turistoota biyya alaa kuma tokkoo oltu magaalattii daawwate jedhan.

Bara bajataa walfakkaataa kanattis turistoonni biyya keessaa fi alaa hedduun magaalaa Jimmaa kan daawwatan ta’uu eeruun, turistoonni kunniinis kan irratti xiyyeeffatan Masaraa Mootummaa Abbaa Jifaarii fi Hara Booyyee ta’uu ibsaniiru.

Misoomni koriidaraa magaalittii miidhagsuun dabalatatti, magaalittiin giddugala konfiraansii akka taatu gargaareera jedhan.

Misoomni koriidaraa dargaggoota suuraa kaasaniifis carraa hojii banuu ibsaniiru.

Dargaggoonni kunniin turistoota misooma koriidaraa daawwatan suuraa kaasuun galii argachaa jiru.

Misooma koriidaraa hordofee, naannoo daandiiwwan gurguddoo cinatti hojiiwwan bunaa fi shayee, dukkaana bu’aaleen mukaa itti gurguraman fi manneen nyaataatti nyaata ariifachiisaa hojjechuun fayyadamoo ta’aa kan jiranis hedduu akka ta’an himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015