Jiddu galeessi qorannichaa sanyii Qamadii fooyya’aa qorannoon argaman baay’isee qonnaan bulaa biraan gahaa jira - ENA Afaan Oromoo
Jiddu galeessi qorannichaa sanyii Qamadii fooyya’aa qorannoon argaman baay’isee qonnaan bulaa biraan gahaa jira
Mudde 1/2018(TOI)-Jiddu galeessi qorannoo qonnaa Qulumsaa sanyii Qamadii fooyya’aa qorannoon argaman baay’isee qonnaan bulaa biraan gahaa jiraachuu beeksise.
Sanyiin Qamadii qorannoon argaman hektaara tokkorraa kuntaalli 72 akka argamu beekameera.
Daarektarri jiddugaleessa qorannichaa obbo Shimallis Alamaayyoo TOI’tti akka himanitti, jiddugaleessichi qindeessaa biyyaalessaa qorannoo Qamadii ta’ee hojjechaa jira.
Sanyii Qamadii fooyya’aa “Malkaa, Guutuu, Asgorii, Dakaa fi maqaa biraatiin moggaafaman baay’isuun qonnaan bulaaf dhiheessuurratti akka argamu ibsaniiru.
Sanyiiwwan Qamadii qorannoon argaman dhukkuboota waagii bifa keelloo fi mataa Qamadii gogsu damdamachuun sanyii Qamadii idilee caalaa oomisha guddaa kennuu akka danda’an qorannoon mirkaneessuusaanii himaniiru.
Sanyiin Qamadii fooyya’an kun jiddu galeessichatti heektaara tokko irraa kuntaala 72, oyiruu qonnaan bulaarratti ammoo kuntaalli 61 akka argamu dubbataniiru.
Jiddu galeessichi amma ammaattis sanyii Qamadii 113 qornnoodhaan baasuun fayyadamtootaan gahuusa dubbataniiru.
Kana maleesa jiddugaleessota qorannoo qonnaa Warar fi Bishooftuu waliin ta’uun sanyii Qamadii Makaroonii fi Paastaa “Duram” jedhaman qorannoon argachuusaa kaasaniiru.
Jiddugaleessi qorannoo qonnaa sanyiiwwan Qamadii qorannoon baasu qonnaan buloota biraan gahuu cimsee itti fufuusaa beeksisaniiru.
Jiddu galeessi qorannichaa inisheetiivota dame qonnaan hojiirra oolfamaa jiranii fi adeemsa cehumsaa adda durummaan teeknooloojii fi hojmaata haaraan deeggaraa jira jedhaniiru.
Dabalataanis sanyiiwwan Qamadii oomisha olaanaa kennan qorannoon baasuun baayisee sanyii bu’uraa dhiheessaa akka jiru ibsaniru.