Tamsaasa Kallatti:

Yaadamni dinagdee dam-danuu mootummaa Ida’amuu sektara Industiriitiin misoomsitoota dorgomuu danda’an horachaa jira

Mudde 1/2018(TOI)- Yaadamni dinagdee dam-danuu mootummaa Ida’amuu sektara Industiriitiin misoomsitoota dorgomuu danda’an horachaa jiraachuu ministirri industirii Malaakuu Allebal ibsan.

Ministirri Industirii Malaakuu Allebal TOI’f akka ibsanitti, xiyyeeffannoon mootummaan misooma industiriif kenne sektarichi guddaa akka dadammaquu fi jijjiiramaa utaalaa akka fidu godheera.

Hojiilee fooyyessaa jijjiirama imaammataa, tarsiimoo fi hojmaata qindaa’aa dameelee cimsan fakkeenya eeraniiru.

Fooyya’insa taasifametti gargaaramuun oomishtummaa industirii dabaluu fi milkaa’inoota guddina damee oomishaa fulla’insaan mirkaneessuuf dandeessisan galmaa’uusaanii dubbataniiru.

Keessumaa misoomni dinagdee dam-danuu hojiirra ooluunsaa hirmaannaan damee dhuunfaa akka dabaluu fi qaama hojii misoomichaa akka ta’u haala dandeessisu uumuusaa ibsaniiru.

Hojiileen dam-danuu damee industiriin hojjetaman haala jireenyaa lammiilee fooyyessuu fi dhiibbaa qaala’insa jireenyaa hir’isuuf shoora gaarii akka qaban ministirichi dabalanii ibsaniiru.

Hanqinoota galtee fi dhiheessii anniisaan wal qabatee mudatan sirreessuuf hojiileen hojjetaman oomishtummaan industirii akka dabalu faayidaa guddaa gumaachaa akka jiran ibsaniiru.

Fedhii oomisha biyya keessaa dabaluu fi hojiileen baasii oomishni ittiin oomishamu hr’isuuf hojjetaman fayyadama lammiilee mirkaneessaa dhufuusaanii beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015