Tamsaasa Kallatti:

Taphni shaampiyoonsi Liigii Riyaal Maadriid fi Maanchistar Siitiin gaggeessan ni eegama

Mudde 1/2018 (TOI)-Har’a Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiin taphoonni sagal ni gaggeeffamu.

Riyaal Maadriid fi Maanchistar Siitiin galgala 5tti Istaadiyeemii Barnaabawutti sa’aatii 5tti taphni taphatan hawwiidhaan eegama.

Riyaal Maadriid qabxii 12’n sadarkaa 6ffaa qabateera.

Morkataansaa Maanchistar Siitiin qabxi 10niin sadarkaa 12ffaarratti argama.

Kilaboonni lamaan shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiin yoo waliin taphatan kun yeroo 15ffaati.

Taphoota 14 kanan dura taphataniin Maanchistar Siitiin yeroo shan yoo mo’atu Riyaal Maadriid yeroo afur mo’ateera. Taphoota hafan shan wal qixa bahaniiru.

Sagantaalee birootiin Kilab Biruuzy Arsanaal waliin, Atileetiikoo Bibaa’oon liigicha dursaa kan jiru PSG waliin, Juuventuus Paafoos waliin, Benefiikaan Naappoolii waliin, Baayer Leverkusen Niwukaastil Yunaayitid fi Buroosiyaa Dortimundi Boodoo Giliimti waliin yeroo wal fakkaataa galgala sa’aatii 5tti ni taphatu.

Galgala sa’aatii 2 fi 45tti Karabag Ayaaksi fi Viyaariyaal Koppenhagen waliin ni taphatu.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015