Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni jijjiirama waggaa haaraa Walaayittaa “Giifaataa”n hambaa addunyaa ta’uun galmaa’e

Mudde 1/2018(TOI)-Feestivaaliin wagga haaraa ummata Walaayittaa Gifaataan hambaa dhala namaa bakka bu’u ta’uun Yuneeskootti galmaa’e.

Yaa’ii koree eegumsa hambaalee kiliyyaa Yuneeskoo 20ffaa Hindi, Niwu Deelhiitti gaggeeffamaa jirurratti jijjiiramni wagga haaraa Walaayittaa “Giifaataa”n Yuuneeskootti akka galmaa’u akkaataa gaaffii Itiyoophiyaan dhiheessiteen hambaa addunyaa ta’uun galmaa’eera.

"Giifaataa"n ayyaana guddaa ummata Walaayittaa biratti iddoon guddaan kennamuuf yoo ta’u, dhalootarraa dhalootatti darbaa kan dhufe ibsituu eenyummaa kan ta’e barri moofaan darbuusaa fi barri haaraa kan itti jalqabu cehumsa bara haaraati.

Giifaataan umurii, saala, amantaa ykn sadarkaa hawaasummaa kamiyyuu osoo adda hin baasiin nageenyaa fi walitti hidhamiinsa hawaasummaa hundaaf gumaacha taasisuun dameelee Yuuneeskootti adda baafaman kan of keessatti qabatu hojiilee hunda hamate jajjabeessuun kan kabajamu ta’uunsaa hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’u isa taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015