Haleellaa Saayibarii qolachuun faayidaa biyyaalessaa eegsisuun ciminaan itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Haleellaa Saayibarii qolachuun faayidaa biyyaalessaa eegsisuun ciminaan itti fufa
Mudde 1/2018(TOI)-Yaaliiwwan haleellaa Saayibarii garagaraa bu’uraalee misoomaa ijoorratti raawwataman qolachuun faayidaa biyyaalessaa eegsisuun ciminaan itti fufuusaa bulchiinsi nageenya odeeffannoo neetwoorkii beeksise.
Bulchiinsichatti daarektarri daarektoreetii ittisa Saayibarii Mahaammad Farajaa TOI’f akka ibsanitti, baatii sadan bara bajataa kanatti haleellaa fi yaaliin haleellaa kuma 13 fi 443 galmeeffamaniiru.
Yaaliiwwan taasifaman keessaa lakkoofsa guddaa kan qabate haleellaa saayibarii ‘lootee galtuu’ jedhamu ta’uu ibsanii, kunis Marsariitii, bu’uraalee misoomaa ijoo fi sektaroota biroorratti kan aggaamame akka ture himaniiru.
Kanaaf tattaaffii bulchiinsa nageenya odeeffannoo neetwoorkii fi dhaabbilee bu’uraalee misoomaa ijoo bulchan jidduutti yaaliiwwan haleellaa dhibbantaa 97 tuqaa 16 ta’aniif deebiin kennameera jedhaniiru.
Haala Kanaan haleellaawwan saayibarii to’achuun, miidhaa geessisan hir’isuun, deebi’anii haleellaaf akka hin saaxilamne nageenyasaanii cimsuuf hojjetamuu ibsaniiru.
Yaaliiwwan haleellaa Saayibarii osoo milkaa’aniiru osoo ta’ee miidhaan akka biyyaatti qaqqabu olaanaa ta’uu obbo Mahaammad Farajaa dubbataniiru.
Tattaaffii waloo bulchiinsa nageenya odeeffannoo neetwoorkii fi dhaabbilee bu’uraalee misoomaa ijoo bulchan haleellaawwan hedduu ittisuun akka danda’ame dabalanii ibsaniiru.
Fuulduras haleellaawwan saayibarii biyyarratti aggaamaman qolachuuf hojiin qindoominaa cimee akka itti fufu himaniiru.