Tamsaasa Kallatti:

Filannoon biyyoolessaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffama 

Sadaasa 30/2018(TOI)-Filannoon Biyyoolessaa 7ffaan baranaa Caamsaa 24 bara 2018   akka  gaggeeffamu  Boordiin Filannoo biyyoolessaa beeksise.

Boordiin filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa   gaggeessuuf hojiiwwan haalduree filannoo duraa  ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kenneera.

Hoggantuun boordii filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu  boordichi hojii filannoon duraa hanga ammaatti hojjetee fi dhimmoota Kanaan walqabatan  ilaachisuun ibsa taassisaniiru.

Filannoo biyyoolessaa 7ffaa gaggeessuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa turuu  ibsaniiru.

Waajjiraalee damee gurmeessuu fi buufanni filannoo Mijataa akka ta’u hojiin hojjetamuu  ibsaniiru.

Paartiileen siyaasaa sagantaasaanii ummatatti akka beeksisaniif leenjiin kennameera.

 Galmeen kaadhimamtootaa karaa sooftiweerii akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Kanaafis paartiileen yookiin dhuunfaan kan dorgoman of galmeessuuf akka hojjetan ibsuun, kanaafis boordichi leenjii kennuu dubbataniiru.

Akkasumas warri filatan sooftiweerii boordichaan misoomeenii fi hojmaata ammaan dura tureen galmee akka gaggeessan dubbataniiru.

Filattoonni odeeffannoo galmeef dhiheessan haaluma ammaan duraan kan itti fufu ta’uu  beeksisaniiru.

Eeyyama taajjabdummaa warra gaafataniif sooftiweerii Boordichi hojjeteen kennuuf adeemsa dhumaarra jiraachuu dubbachuun, Caamsaa 24 bara 2018 guyyaa sagaleen kennamu ta’uu eeraniiru.

Wantoota kanaaf gargaaran ilaalchisee marii fuulduratti qabaniin qaamolee qooda fudhattoota dhimmichi ilaallatu waliin mariin akka gaggeeffamu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015