Tamsaasa Kallatti:

Shaampiyoonsi liigichaan taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu

Sadaasa 30/03/2018(TOI)- Shaampiyoonsi Awurooppaatiin taphoonni Baayer Muniik Ispoortiing Liisban, Intar miilaan Liivar Puul waliin taassisan ni eeggamu.

Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti sagantaa tapha 6ffaan har’a eegala .

Galgala sa’aatii 2:45 irratti Baayer muniik Ispoortiingi waliin istaadiyeemii Liizban Aliyaanzi Areenaatti ni taphatu.

Bara kana waltajjii Awurooppaaf Imala gaarii taassisaa kan jiru Baayer Muniik qabxii 12n sadarkaa 3ffaa qabateera.

Morkataansaa Ispoortiingi Liizban qabxii 10n sadarkaa 8ffaa qabateera.

Baayer Muniik yoo injifate sadarkaasaa gara 2ffaatti ol guddisa.

Intarmiilaan Liivarpuul waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Juseeppee Mi’eezaatti taphni gaaggeessan ni eeggama.

Gareen Xaaliyaanii qabxii 12n sadarkaa 4ffaa qabateera.

Liivarpuul qabxii 9n sadarkaa 13ffaa qabateera.

Injifataan dorgommichaa yeroo sadii Intarmiilaan fi abbaan Waancaa yeroo ja’aa Liivarpuul taphni gaggeessan wal morkiin madaalawaan ni gaggeeffama jedhameetu eeggama.


 

Sagantaawwan biroon Atilaantaan Chelsii waliin, Baarseloonaan, Intiraakti Firaankifarti waliin, Tootinihaam Hootisparsi Islaaviyaa piraag waliin, PSV EIindhoven Atileetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin ,Yuuniyeen Seent Gilooso waliin sa’aatii wal fakkaatutti galgala sa’aatii 5:00 maarseel waliin tapahata.

Taphoota birootiin ammoo Atalantaan Cheelsii waliin, Baarseloonaan Intraakt Firaankifart waliin, Tootinaam Hootspar Islaaviyaa Praag waliin, PSV ayindihoven Atleetikoo Maadriid waliin, Moonaakoon Galatasaray waliin, Yuuniyeen Seent Giiloos sa'aatii wal fakkaatutti galgala sa'aatii 5:00tti irratti Maarseel waliin ni taphatu.

Kaayiraat Almaat Olompiyaaksi waliin galgala sa’aatii 12:30tti ni taphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015