Tamsaasa Kallatti:

 Dursaan liigichaa  Itiyoo Elektirikiin    Kutaa Magaalaa  Boolee Waliin taphata

Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Piriimar Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa sagantaa  torbee 11ffaan har’a ni eegama.
Guyyaa sa’aatii 7:00 Itiyoo Elektirikiin Kutaa magaalaa Boolee waliin Itaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti  ni taphatu.
Itiyoo Elektirikiin liigichatti taphoota 10  gaggeesseen  injifateera. 
Taphichaan galchii 28 yoo lakkoofsisu galchii 5 keessummeesseera.
Garichi qabxii 30n liigicha dursaa jira.
Morkataansa kutaan Magaalaa Boolee Liigichaan taphoota 10  gaggeesseen 4 yoo injifatu yeroo lama mo’ameera.
Taphoota hafan Afur immoo qixa baheera.
Galchii 11 yoo lakkoofsisu galchii  10 keessummeesseera.
Kutaan Magaalaa Boolee qabxii 16n sadarkaa 6ffaa qabateera. 
Itiyoo Elektiriik  yoo injifate  liigichaan dursummaasaa cimsa.
Kutaan Magaalaa Boolee yoo injifate injifannoo  itti fufaa galmeessa.
Sagantaa  Biroon Baankiin Daldala  Itiyoophiyaa Magaalaa Diree Dawaa waliin Istaadiyeemii Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti ni taphatu.
Injifataan liigichaa Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 8 gaggeesseen  yeroo 7 yoo injifatu  yeroo tokko qixaa baheera.
Baankiin Daladala Itiyoophiyaa Taphoota 8  gaggeesseen yeroo 7 injifachuun  Al-tokko qixa bahuunsaa ni yaadatama. 
Taphoota 8 taphateen galchii 26 lakkoofsisuun, galchii  tokko keessummeesseera.
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa taphni 1 osoo isa hafuu qabxii  22n sadarkaa 4ffaa qabateera.
Magaalaan  Direedawaa Liigichaan  taphoota 10n gaggeesseen  4 yoo injifatu  yeroo 6 mo’ameera.
Galchii 10 yoo lakkoofsisu galchii 15n keessummeesseera. 
Garichi qabxii 12n  sadarkaa 9ffaa qabateera.
Baankiin daldala Itiyoophiyaa yoo  injifate  sadarkaa 2ffaa  magaalaa Hawaasaarraa fudhata.
Morkataansaa Magaalaan Direedawaa  torbee 10ffaan kutaa magaalaa Booleetiin erga mo’amee booda gara infifannotti deebi’uuf ni taphata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015