Gidduu galichi Midhaan Omishtummaansaanii qorannoon mirkanaa’e beeksisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Gidduu galichi Midhaan Omishtummaansaanii qorannoon mirkanaa’e beeksisaa jira
Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Gidduugalli qorannoo Qonnaa Asoosaa omishtummaansaanii qorannoon kan mirkanaa’e sanyii Bisingaa fi Atooboonsituu beeksisaa jira.
Gidduugalichattii fi ooyruu qonnaan bulaarratti sanyii Bisingaa fi Atooboonsituu kilaastaraan omishuun hojiin beeksisuu hojjetamaa jiraachuu Daaraktarri Gidduugalichaa Dastaa Baqqalaa TOI’f ibsaniiru.
Bu’uuruma Kanaan gidduugala qorannichaatti lafa hektaara 81 irratti bisingaan kilaastaraan misoomaa jiraachuu eeraniiru.
Sanyiiwwan bisingaa qorannoon fooya’ana “Asoosaa tokko” fi “Asoosaa lama” kan jedhaman ooyruu qonnaan bulaarratti hektaararraa omisha hanga kuntaala 35 akka kennan eeraniiru.
Gama biroon Godina Asoosaa Aanaawwan adda addaatti lafa hektaara 32 ol irratti midhaan Atoo boonsituun kilaasteraan misoome qonnaan bulaan barsiifamaa jira.
Hanga ammaatti faayidaarra oolaa kan jiru sanyiin Atoo boonsituun Gishaamaa sanyiin bakka bu’an “Andinat” fi “Xaanaa balas “ kan jedhaman barakana misoomsuun qonnaan bulaa beeksisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sanyiiwwan Atoo boonsituu kun yeroo gidduu galeessaatti kan gahan , omishtummaan saanii kan mirkanaa’e, olka’insa galaanarraa meetira 700 hanga kuma 1 fi 860 olitti kan madaqanii fi dhukkuba dandamachuuf humna guddaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultootni 88 Bisingaan akkasumas, Qonnaan bultootni 76 Atoo boonsituu misoomsuu fi beeksisuurratti himaachuusaanii daarektarichi dubbataniiru.
Walii gala gidduugalichi midhaanii fi beelladoota adda addaarratti hojii teekinooloojii beeksisuu aanaawwan adda addaatti hojjechaa jiraachuu beeksiseera.