Buusaa Gonofaan Oromiyaa Waarshaa Qindeessa Omisha Qonnaa ijaaruufi - ENA Afaan Oromoo
Buusaa Gonofaan Oromiyaa Waarshaa Qindeessa Omisha Qonnaa ijaaruufi
Sadaasa 29/03/2018(TOI)-Buusaa Gonofaan Oromiyaa humna ergamasaa raawwachuu caalaatti cimsuuf dandeessisu waarshaa qindeessa Omisha qonnaa ijaaruuf ta’uu ibse.
Qabeenya dilbii bakkeewwan Itiyoophiyaa hunda jiru misoomsuun omishtumaa guddisuu fi karoora gargaaramuu keessaa bahuu qabatamee hojjetamaa jira.
Naannooleen deeggarsa namoomaa irratti qophii yeroo balaa fi of-dandaa’uu isaanii mirkaneesuuf dandeettii qindoomina qabu ijaaraa jiru,.
Naannoon Oromiyaa dhaabbata Buusaa Gonofaan jedhu hundeessuun rakkoowwan uumamaa fi nam tolchee dandamachuu fi deebii hatattamaa kennuuf humna dandeessisu ijaaraa jira.
Itti aanaa Buusaa Gonofaa Naannichaa Tafarii Bayyanaa, dhaabbatichi buusii galii miseensotarraa argatuu fi hojii qonnaa raawwachuun humnasaa cimsachuuf Naannichatti Godinaalee adda addaatti misooma midhaaniirratti hojjechaa jira.
Omisha qonnaa kana qindeessuun kaayyoo barbaadamuuf oolchuuf akka danda’amu waarshaa qindeessa Omisha qonnaa ijaaruuf ta’uu ibsaniiru.
Bu’uuruma Kanaan waajjira Pirojaktii dhimmicha hordofu hundeeffamee qorannoo isa baasuu fi haal dureen hojii raawwatamaa jira jedhaniiru.
Haaluma Kanaan Bulbula fi Naqamtetti Paarkiiwwan Idustirii Omisha Qindeessu keessatti waarshaawwan ijaaraman lama hijii dhaabbatichaa kan saffisiisan ta’uu ibsaniiru.
Paarkii Industirii Bulbulaa keessatti Waarshaan ijaaramu guyyaatti Qamadii toonii kuma lama daakuu kan danda’uu fi mokoroonii fi paastaa kan qindeessu ta’uu hubachiisaniiru.
Paarkii Industirii Naqamtee keessaatti immo kanneen hanqina nyaataan miidhamaniif kan oolu nyaannii yeroo ariifachiisaaf oolu nyaanni deeggaraan kan keessatti qindaa’u dubbataniiru.
Waarshaawwan kunneen buusaa gonofaan humna mataasaan deeggarsa yeroo ariifachiisaa dhiheessuu akka danda’uuf caalaatti humna kan umuuf ta’uu ibsaniiru.
Buusaa Gonofaan omisha qofaa omishuu osoo hin ta’iin mankuusaa gahaa qabaaachuu akka qabu amanamee magaalota Adaamaa Shaashamanneetti man-kuusaa mataasaa qophheesuusaa himaniiiru.
Gara fuulduraatti Godina Baalee Bahaa magaalaa Gindhiiritti akkasumsa Godina Wallagga bahaa Magaalaa Naqamteetti man kuusaa sadarkaasaa eeggate ijaaramu jedhaniiru.
Kana Cinaatti Godinaalee fi Aanaawwan hundatti Man-kuusaan akka qophaa’u kallattiin kaa’amee gara hojiitti galamuu ibsaniiru.