Tamsaasa Kallatti:

Yaadamni mootummaa Ida’amuu qabeenyota turizimii naannichatti argaman sirnaan fayyadamuuf haala mijataa uumeera

Sadaasa 29/2018(TOI)- Yaadamni mootummaa Ida’amuu qabeenyota turizimii naannoo Oromiyaatti argaman sirnaan fayyadamuuf haala mijataa uumuusaa biiroon aadaa fi turizimii naannichaa beeksise.

Guyyaan tuurizimii addunyaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti yeroo 21ffaaf mata duree “turizimii fi jijjiirama fulla’aa” jedhuun qopheessummaa biiroo aadaa fi turizimii naannichaatiin godina Baalee Bahaa magaalaa Gindhiiritti kabajameera.

Itti aanaa hogganaa biiroo aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Salamoon Taammiruu wayita kana akka jedhanitti, qabeenyota Turizimii naannichatti argaman gara dinagdeetti jijjiiruuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoon taasifameera.

Yaadamni mootummaa Ida’amuu qabeenyota turizimii naannoo Oromiyaatti argaman sirnaan fayyadamuuf haala mijataa uumuu ibsanii, aanaaleen naannichaa hundi bakka turizimii akka qabaatan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bulchaan godina baale Bahaa obbo Jaarsoo Boruunaa gamasaaniin godinichi qabeenya uumamaa fi namtolchee hedduu akka qabu dubbataniiru.

Fakkeenyaaf holqi Soof Umar, Dirree Sheeh Huseen, teessumni lafaa dinqisiisoo fi bakkeewwan magariisaa akka jiran eeraniiru.

Qabeenyota kanneen misoomsuuf Kanaan dura homtuu akka hin hojjetamne kaasanii, bariituu jijjiiramaarraa eegalee mootummaa federaalaa fi naannichaatiin bu’uraaleen misoomaa gurguddoon hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.

Godunichatti bu’uraalee misoomaa daandii, ibsaa, telekoomii dabalatee bu’uraaleen misoomaa turizimii dadammaqsan ijaaramuusaaniitiin g
odinichi dame kanarraa fayyadamaa ta’uu danda’uusaa dubbataniiru.

Bu’uraaleen misoomaa bakkeewwan turizimii godinichatti argaman dawwattootaaf mijeessuuf gargaaruusaanii beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015