Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsa daandii aspaaltii Amboo-Walisoo Xumuruuf saffisaan hojjetamaa jira

Sadaasa 29/2018(TOI)- Ijaarsa daandii aspaaltii konkiriitii Amboo-Walisoo baatii sadan dhufan Xumuruuf saffisaan hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi daandiiwwan Itiyoophiyaa beeksise.

Bulchiinsichatti hojii gaggeessaan waajjira pirojekti maanajimantii naannawa Amboo Daanyee Laggasaa ROI’tti akka himanitti, ijaarsi daandii waggaa jaha dura eegalame yeroo ammaa saffisaa jira.


 

Daandiin birria biiliyoona 7’n ijaaramaa jiru kun km. 63 tuqaa 78 kan dheeratu ta’uu dubbataniiru.

Daandiin kun Intarpiraayizii konistiraakshinii ittisaatiin ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, korporeeshiniin Injiinariingii Itiyoophiyaa ammo hojii gorsaa fi to’annoo raawwachaa jira jedhaniiru.

Ijaarsi daandii kanaa baatii sadii keessatti xumuruuf ciminaan hojjetamaa akka jiru himaniiru.


 

Intarpiraayizii Konistiraakshinii ittisaatti hojii gaggeessaan pirojektii daandii Amboo-Walisoo Shiibashii Caakkaa, ijaarsa daandii saffisaan xumuruun fayyadama jiraattotaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ijaarsa daandi Amboo-Walisoo yeroo gabaabaatti xumuruuf Shawaa kibba lixaa fi Shawaa lixaa wal quunnamsiisuurra darbee imala gara loojiiwwan Ikoo turizimii Wancii fi dandiitti taasifamuuf haala mijataa ni uuma jedhaniiru.

Jiraattonni naannichaa Yaadasaanii TOI’f kennan gamasaaniin daandichi xumuramuunsaa faayida hedduu akka qabu dubbataniiru,

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015