Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa Misoomte, Kabajamtee fi Sodaatamte ni cimsina–Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Sadaasa 29/2018(TOI)-Tokkummaa sab-daneessummaa keenya bu’uura haqaa, wal-qixxummaan irratti ijaaruun Itiyoophiyaa Laliste, Kabajamtee fi  sodaatamte  Cimsuu qabna jedhuun ibsan Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyasa 20ffaan mata duree 

“walii galteen Dimokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf“ jedhuun bakka   Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti  naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti  har’a kabajameera. 

Pirezidaant Taayyee Atsqsillaasee fuula  Miidiyaa  X (tiwuuterii)isaanniin ibsaniin, baga  guyyaa sabootaa, sablammootaa  fi uummattootaa Itiyoophiyaa  yeroo  20ffaanf  mata duree  “walii galteen Dimokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf ” jedhuun  kabajamuun  isin gahe jedhaniiru. 

Tokkummaa sab-daneessummaa keenya bu’uura  Haqaa fi wal-qixxummaarratti  hundeessuun Itiyoophiyaa Laliste, Kabajamtee fi sodaatamte cimsina jechuun waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015