Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa 20ffaan misiyoonota Itiyoophiyaa Ala jiraniin kabajame - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa 20ffaan misiyoonota Itiyoophiyaa Ala jiraniin kabajame
Sadaasa 29/03/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan Imbaasiiwwanii fi qonsilaawwan Itiyoophiyaa Ala jiraniin kabajameera.
Ayyaanichi Mata duree “waliigaltee demokiraatawaan tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun kabajamaa jira.
Sirna kabajaa kanarratti, hoggantoonni misiyoonotaa, Dippiloomaatotaa fi hojjettoonni, Abbootiin Amantaa , bakka bu’oonni hawaasaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaan Fakkeenya heddumminaa fi tokkummaa sab-daneessummaa haala mul’iseen kabajameera.
Nyaataa fi Uffannaan aadaa Itiyoophiyaa agarsiisaaf kan dhihaate yoo ta’u, sirboonnii sabotaa, sablammootaa fi shubbisawwan aadaa taatteewwan itti agarsiifaman dhihaataniiru.
Ayyaanichi biyyootaa Chaayinaa, Ameerikaa, Jarman Emereetota Araboota Gamtoomanitti, Sawudi Arabiyaa Kuwaaterii fi Sudaan Kibbaa, Beljiyeem, Paakistaan , Kootdivaarii fi Siwiidin, Ripaabilika Kooriyaa , Afriikaa Kibbaa, Awustiraaliyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa, Jibuutii, Keeniyaa fi Somaaliyaatti biyyoota guyyichi itti kabajamee oole keessaa ta’uu ibsaniiru.
Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree
“walii galtee Dimokiraatawaa tokkummaa sab- daneessummaaf “ jedhuun bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Naannoo Gidduu galeessa itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti har’a kabajameera.