Ayyaanichi Waggoottan jijjiiramaa darban tokkummaa sab-daneessummaa Uummattootaa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun qooda olaanaa gumaacheera- Afa yaa’ii Aganyoo Tashaagar - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanichi Waggoottan jijjiiramaa darban tokkummaa sab-daneessummaa Uummattootaa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun qooda olaanaa gumaacheera- Afa yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Sadaasa 29/03/2018(TOI)- Ayyaanichi waggoottan jijiiramaa darban tokkummaa sabdaneessummaa Uummattootaa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun misooma fulla’aa fi badhaadhina hunda galeessa saffisiisuuf qooda olaanaa gumaachuusaa Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashagar ibsan.
Guyyaan Sabootaa, Sab-lammootaa fi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaanMata duree “waliigaltee demokiraatawaan tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Naannoo gidduugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira.
Ayyaanicharratti ergaa kan dabarsan Af-yaa’iin mana maree Federeeshiinii Aganyoo Tashaagar, Manni marichi guyyaa sabootaa,sab-lammootaa fi ummattootaa akka kabajamu yeroo murteessu sabaa fi sab-lammoonni akka wal beekan, duudhaa Aadaa fi muuxannoo gaarii isaanii akka wal-jijjiiranii fi tokkummaa Dimokiraatawaa sab-daneessummaa akka cimsaniif ta’uu ibsaniiru.
Nageenya fulla’aa, ijaarsa mootummaa biyyaa fi misoomaaf waloon akka dhaabbataniif gochuuf ta’uu dubbataniisu.
Waggoottan 19n darban qindeessummaa mana maree Federeeshiitiin Naannoolee fi bulchiinsota magaalotaa adda addaatti kabajamaa turuu yaadachuun Afa-Yaa’iin kunis tokkummaa sab-daneessumma biyyoolessaarrati bu’aan akka galmaa’an dandeessisuu dubbataniiru.
Keessumaa waggoottan jijiiramaa daraban tokkummaa biyyoolessaa ummataa fi duudhaa waloon jiraachuu cimsuun ijaarasa Mootummaa,misooma fulla’aa fi badhaadhina hunda galeessa saffisiisuuf qooda olaanaa gumaachuu ibsaniiru.
Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa bara kanaa, bu’aa seenessa waloo kan ta’e Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa yeroo xumurametti kan kabajamu ta’uu fi pirojektoonni gurguddoon imala bayyanachuu Itiyoophiyaa dhugoomsuu dandeessisan yeroo eegalamanitti kan kabajamu ta’uun adda isa taassisa jedhaniiru.
Guyyaan Sabootaa, Sab-Lammootaa fi uummattootaa 20ffaan tokkummaa sab- daneessummaan dammaqee, hedduummina Addunyaattti kan argisiisnudha kan jedhan Af-yaa’iin kun, eenyummaan hundi qixa kan itti keessummeeffamu, adeemsa sirna federaalizimii dhugaa ijaaruun keessa ta’uu keenya kan itti argisiisnudha jedhaniiru.
Bara quucaruu irraa gara bayyanachuutti, yaaddooraa gara dadammaqinaatti, dukkanaa gara Abdii ifaati, ta’uu kan argisiisnu dha jedhaniiru ergaasaanin.
Guyyichi kabajamuun , wal-deeggaruun, wal-qixxummaanii fi tokkummaan jiraachuun, waadaa waloon misoomuu keenya guuyyaa itti haaromsinu ta’uu qaba jedhaniiru.
Eenyummaa Itiyoophiyuummaa keenya waloo kana cimsuu fi waloooma hawaasaa baroota dheeraa akka eegametti itti fufsiisuuf seenessa hammataa sab-daneessummaa biyyoolessaa ijaaruun akka barbaachisu ibsaniiru.