Itiyoophiyaan madaallii hundaanuu dukkanarraa bariitti cehaa jirti- ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan madaallii hundaanuu dukkanarraa bariitti cehaa jirti- ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sadaasa 29/2018(TOI)-Itiyoophiyaan madaallii kamiinuu dukkanarraa bariitti cehaa akka jirtu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Guyyaan sabootaa, Sab-lammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “Waliigalteen demokiraatawaan tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira.
Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa olaanoon, bulchitoonni naannolee, kantiibonni bulchiinsa magaalotaa kabaja ayyaanaa kanarratti argamaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita kana ergaa dabarsaniin, bilisummaa dhiiga abbootii keenyaan dhaalle badhaadhinaan cimsuun hojii dhalootarraa eegamu ta’uu ibsaniiru.
Yeroo ammaa magaalonni guddatanii mandaroota baadiyyaarra cehuuf kan itti hojjechaa jiran ta’uu ibsanii, hambaaleen seena qabeessis dhukkeesaanii dhdhdhatanii Itiyoophiya qofa osoo hintaane kan Afrikaan itti boonu ta’uusaanii dubbataniiru.
Itiyoophiyaa keessatti gannaa fi bona qotuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan madaallee hundaanuu dukkanarraa gara bariitti cehaa akka jirtu ibsanii, kan dhaalle bilisummaa qofa osoo hin taane imaanaa dhalootaa nurra jiru yaaduu qabna jedhaniiru.
Badhaadhina milkeessuun adeemsa nama qoru ta’uu ibsanii, Itiyoophiyaan rakkooshee qofa osoo hintaane humnashee ilaaluun akka barbaachisu dubbataniiru.
Dhaloonni rakkoo Itiyoophiyaa qofa osoo hintaane human qabdu gadi fageenyaan ilaaluu fi baasuun dandeettii akka qabu hojii jalqabameen mul’achuusaa dubbataniiru.
Miira tumsaan tattaaffii fi dadhabbii guddaan seenaa haaraan banuun akka qabnu hubachiisaniiru.
Badhaanni guutuun Itiyoophiyaa kan mirkanaa’u Itiyoophiyaanonni gamtaan tattaafachuu fi hojjechuu yoo danda’an ta’uu ibsaniiru.
Wal tumsuu, walkabajuu, fi waloon dhaabbachuu akkasumas faayidaa biyyoolessaa qabeenyaa fi galaa waloo keenyaa gochuu qabnajedhaniiru.
Fedhiin biyyaa fi hammeenyi diinaa adda baafamuu akka qabu ibsuun, Itiyoophiyaanonni meeshaa hammeenya diinaa ta’uu akka hin qabne dubbataniiru.
Faayidaa biyyaa fi kabaja ummataa dursiisuu akka qabnu ibsun, ammayyummaa fi jijjiiramaaf banaa ta’uu aka qabnu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan biyya abdii hedduu qabdu ta’uu ibsuun, bu’aan ajaa’ibsiisaa galmeessuuf bayyanachaa jirti jedhaniiru.
Jalqabbii gaarii kan gufachiisuuf tattaaffiiwwan jiraachuu ibsuun, qormaata kamiyyuu, aggaammii fi yaadni hammeenyaa badhaadhina Itiyoophiyaa hin dhaabu jedhaniiru.