Tamsaasa Kallatti:

Ummanni naannichaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf kutannoo qaba-Bulchaa Dr. Indaashaawu Xaasoo

Sadaasa 29/2018 (TOI)-Ummanni naannoo keenyaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf hojii itti jiru cimsee itti fufa jedhan bulchaan naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaa Dr. Indaashaawu Xaasoo.

Guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi Ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “wliigalteen demokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti naannoo jiddu galeessa Itiyoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti kabajamaa jira.


 

Bulchaan naannichaa Dr. Indaashaawu Xaasoo Wayita kana dubbii dubbataniin, ayyaanni kun walii galtee biyyaalessaa cimsuun ijaarsa mootummaa biyyaalessaa si’achiisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru.

Dabalataanis saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni waltajjii tokkorratti walitti dhufanii akka miidhaganii fi akka mari’atan haala mijataa uumeera jedhan.

Lammiileen Itiyoophiyaa duudhaa fi muuxannoo aadaasaanii akka walii qoodan carraa kan uumu ta’uu dabalanii dubbataniiru.

Ayyaanichi Duudhaaleen Obbolummaa akka Daraaruuf akkasumas tokkummaan sab-daneessummaa fi federaalizimiin akka dagaagu ijaarsa seenessa waloof qooda mataasaa gumaachuu itti fufeera jedhaniiru.


 

Guyyichi yaada caaluun gaggeessuun faayidaa biyyoolessaaf dursa kennuun aadaa marii’achuu guddisuun dimokiraasii dagaagee fi aadaa fi duudhaa hirmaachisaa idileessuuf akka carraa gaarii tokkootti fudhatama jechuun ibsaniiru.

Wabii nyaataa tattaaffii waloon dhugaoomsuun kabajni biyyi keenya qabdu guutuu akka ta’u imallishee badhaadhinaa akka milkaa’u tattaaffiin eegalaman akka naannoonni cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Faayidaa biyyoolessaa biyya keenyaa kabachiisuu fi fedhii ummattoota guddachaa jiranii guutuuf gaaffiilee bu’uuraa kan ta’e kan akka Ulaa Galaanaa deebii akka argataniif sochii taassifamuuf ummanni naannoo keenyaa qoodasaanii bahuuf kutannoo qabu jedhaniiru.


 

Guyichi naannoo keenyatti kabajamuun faayidaa fi hiikkoo guddaa kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015