Tamsaasa Kallatti:

Ija mootummaa ida’amuutiin gama eegumsaa fi kunuunsa hambaatiin hojiileen milkaa’oon hojjetamaa jiru

Sadaasa 29/2018(TOI)- Ija mootummaa ida’amuutiin gama eegumsaa fi kunuunsa hambaatiin hojiileen milkaa’oon hojjetamuusaanii fi hojjetamaa akka jiran itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaa Hiywoot Hayiluu ibsan.


 

Daarektarri itti aanaa olaanaa abbaa taayitichaa Hiywoot Hayiluu, Itti aanaan hoogganaa biiroo aadaa fi turizimii naannoo Oromiyaa Salamoon Taammiruu, ogeeyyonni miidiyaalee fi qooda fudhattoonni guyyaa tuurizimii addunyaa ilaalchisuun godina Baalee Bahaatti kan argamu bakka seenaa guddaa qabu Dirree Sheek Huseen daawwataniiru.

Itti Aantuun Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Hambaa Itiyoophiyaa Hiwot Haayiluu Wayita kana akka jedhanitti, Hambaalee seenaa fi uumamaa haaromsuu fi Misoomsuun gidduu gala Tuurizimii akka ta’aniif xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira.

Kanaanis bakkeewwan seena qabeessi yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo osoo hin argatiin turan Misoomsuu fi kanneen duraan turan haala foyya’een suphuun qabeenyisaanii akka mul’atu hojjetamaa jira jedhaniiru.


 

Kanarra darbee bakkeewwan turizimii daawwattootaaf mijataa gochuuf ijaarsawwan Daandii, Hoteelaa fi bu’uuraalee misoomaa adda addaa ijaaramuusaanii dubbataniiru.

Ija mootummaa Ida’amuutiin, eegumsa hambaawwanii fi kunuunsaan hojiiwwan bu’aa qabeessi raawwatamuusaanii fi raawwatamaa jiraachuu Itti Aantuun Daarektara Olaanaa kun ibsaniiru.


 

Lakkoofsi Hambaalee Itiyoophiyaa Galmee Hambaa Addunyaa UNISCO irratti galmaa’an akka dabalaniif hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Gama Kanaan bakka seenaa qabeessa Godina Baalee bahaatti argamu Dirree sheek Huseen maqaa tarreeffamaa UNISCO kan yeroo keessa galchuun Hambaa Addunyaa ta’ee akka galmaa’uuf hojiin qophii haal-duree raawwatamaa jiraachuu eeraniiru.

Itti Aanaa Biiroo Aadaa fi Turiizimii Naannoo Oromiyaa Salamoon Taammiruu gamasaaniin, Hambaalee naannichatti argamu eeguuf, Misoomsuu fi beeksisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hambaalee xiyyeeffannoon kennameef keessaa Godina Baalee bahaatti kan argamu bakka seenaa qabeessa Dirree sheek Huseen tokko ta’uu eeraniiru.

Bu’uuraalee Misooma Daandii gara Dirree Sheek Huseenitti geessu hojjetamaa jiraachuu eeruun, kunis lakkoofsa daawwattootaa guddisuuf hambicha caalaatti misoomsuuf, beeksisuu fi UNISCO irratti galmeessisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015